header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Mootummaan Keeniyaa Magaaloota 4tti guyyoota 21’f Sochii Imalaa uggure

Keeniyaatti lakkoofsi namoota dhibee Vaayirasii Koroonaan qabamanii 158 gahe jira, mootummaan tatamsaa’a dhibee kanaa to’achuuf tarkaanfii ciccimoo kan fudhatu jiru yoo tahu, guyyaa har’aa magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobii dabalatee, Mombaasaa, Kilifii fi Kiwaalees jedhamanitti, guyyoota 21’f sochii imalaa gara magaaloota kanatti godhamuufi, magaaloota Kaniin irraa taasifamu kan uggure tahuu beeksise.

Tarkaanfiin kun magaalaa Naayiroobiitti galgala har’aa irraa kan jalqabu yoo tahu, magaaloota kaniin immoo arba’aa dhufu irraa hojjii irra kan oolu tahus ibsame.

Keeniyaatti guyyaa har’aa qofa namni 16 kan dhibee kanaan faalame kan argame yoo tahu, walumaagalatti lakkoofsi namoota biyyattiitti qabamanii 158, kan du’anii immoo 6 gahe jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button