header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ustaazonni Keenya lammiilee naannoo Somaaleetii buqqifamanii Finfinnee qubatan Ziyaaran

Ustaazonni keenya lammiilee Oromoo naannoo Soomalee irra buqqifamuun Finfinnee Kolleejjii Riift Vaalii qubsiifamaniif deeggarsa godhan

Ustaazonnii keenya deggarsa kana kan godhan guyyaa 15 dura yoo tahu, deeggarsa kanaas ummata irraa walitti qabuun osoo hin taane kiisa isaanii keessaa baasuun kan godhan tahuun beekameera.

Ustaazonni keenya duraan haala baqatoonni keessa jiran ilaalanii kan turan yoo tahu, yeroo lammataaf wan baqattoota kanaa ni barbaachisa jedhan qabatanii kan deeman tahuus odeeffannoon argame ni addeessa.

Sagantaa Ziyaaraa kana irratti waliitti qabaan Koree Furmata barbaadduu hawaasa Muslimaa Ustaaz Abubakar Ahmad, Ustaaz Injinar Badruu Huseen, Sheekh Makkata Muhee fi Ustaaz Sa’iid Alii kan hirmaatan tahuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button