header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Chaayinaan jila ogeeyyota fayyaa gara Ityoopiyaa ergite

Jilli ogeeyyota fayyaa Chaayina miseensota 11 qabu har’a Finfinnee kan seene yoo tahu, Ministeerri Fayyaa Dr.Liiyaa Taaddasa buufata Xiyyaara Booleetti argamuun jila akana simattee jirti. Ogeeyyonni Fayyaa Chaayinaa kunniin, weerara dhibee vaayirasii koroonaa too’achuuf tattaaffii Ityoophiyaan godhaa jirtu irratti, ogeeyyota Fayyaa Ityoophiyaatiif leenjii kennuuf, akkasumas dhaabbilee fayyaatiifis muuxannoo qooduuf akka tahe ibsame.

Haaluma walfakkaatuun mootummaan Chaayinaa Burkinaa Faasoo dabalatee biyyoota Afrikaa hedduuf ogeeyyota fayyaa kan erge tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Odeeyfannoo walqabateen, Ministeerri Fayyaa ibsa har’a kenneen Ityoophiyaa keessatti namoonni Vayirasii koroonaatiin qabaman torba dabalataan argamuu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota Vayirasichi irratti argamee 92 gahee jira.

 

3 Comments

  1. Rabbiin dhibee kana nurraa haa kasuu inshaallaah ☝️qopheesisootaa Nuraal Hudaa bay’ee galatoomaa galannii keessaan Janataa furdwoosi isini haa Kafaluu Inashaallah jzk ☝️

Comment

Back to top button