header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Gareen Finciltoota Kibba Yaman naannichatti bulchiinsa mataa isaa hundeessuu labse

Finciltoonni Kibba Yaman, kan Mana marii Ce’umsaa Naannawa Kibbaa (STC) jedhamuun beekamu, naannicha mootummaa jiddu galeessaa beekamtii idil addunyaa qabu jalaa baasuun bulchiinsa mataa isaa hundeessuu labse. Gareen Finciltootaa Emreetiin deeggaramuu fi magaalaa Adan handhuura godhatuun, Kibba Yaman fottoqsuuf socho’u kun ibsa Alhada har’aa baaseen, naannichi eda halkan walakkaa irraa jalqabee labsii yeroo muddamaa jala akka gales beeksise.

Mootummaan Beekamtii Idil Addunyaa qabu kan Sa’uudiin deeggaramu, labsii garee finciltootaa kana walii galtee Riyaad kan cabse tahuu ibsuun, “gocha hamaa tahe “jechuun balaaleffate.

Sa’uudii fi Emreets gama tokkoon mootummaa Prezdaant Abdurabbuu Mansuur Haadii deeggaruun, Kaaba biyyattii keessatti garee Huusii irratti gamtaan lola geggeessaa kan jiran yoo tahu, Kibba biyyattii keessatti ammoo faallaa walii dhaabbachuun isaanii dhimma nageenya Yaman wal xaxaa godhaa ture.

Mootummoonni Sa’uudii fi Emreets waldhabbii garee Kibba Yaman fi mootummaa jiddu galeessaa kana furuudhaadhaaf November dabre jaarsummaa Riyaad keessatti taa’aniin, gareen finciltootaa loltoota isaa waraana mootummaatti akka makuu fi qondaaltonni damee siyaasaa ammoo angoo mootummaa akka qooddatan walii galanii turan. Haata’u malee walii galtichi hanga ammaatti gara hojiitti hiikamuu dhabuun danqaa ammaa kana kan uume tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

 

8 Comments

  1. Masha Allah ergaafi barumsi keessaan hedduu nama gammachisa halumaa kanan ittii fufaa. guddaa galatooma.

  2. galtooma oduulen teessan babareedun amma ammatti nuuf seena jirtti kan caala ittii fufaa isaniin jaha jzkl k

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button