header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaKoroonaaOdeeyfannoo

Mootummaan Keeniyaa Kutaa Islii fi magaalaa Mombaasaatti Sochii Namoota Uggure

Torbaan dabre irraa kaasee kutaa magaalaa guddoo Naayiroobii kan taate kutaa Islii fi magaalaa Mombaasaa lakkoofsi namoota COVID-19′ n irratti argamee heddummaatee jira.

Kana hordofuun mootummaan galgala har’aa irraa kaasee sochiin  naannoolee lamaanitti hin akk godhamne ugguruu ifoomse.

Ministeerri Fayyaa biyyattii Mutahi Kagwe ibsa miidiyaaleef kenneen, guyyaa har’aa qofa namoonni 47 dhukkuba Koroonaa-vaayrasiin qabamuu dubbate. Walumaagalatti lakkoofsi namoota qabamanii guutuu biyyattiitti 582 gahuus ibse.

Galgala har’aa irraa kaase ammoo naannoolee lamaanitti uggurri sochii namoota guyyaa 15’f hojjii irra ooluu kan jalqabu tahuus beeksise.

Itti dabaluunis Mr Mutaahiin “haalli naannoolee kanniin lamaan jiru, hedduu nu yaaddeesee jira”jedhe.

Kutaan Islii kan godina Naayiroobii jalatti argamtutti, kanaatti dhalattoonni saba Somaalee lammilee biyyattii keesaatti  heddummaatan yoo tahu,  baqattoonni biyyoota gara garaa lakkoofsaan hedduu tahanis ni argamu. Baqattoonni Oromoofi Soomaalee heddumminaan asuma jiraatan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button