header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa Weerarri vaayirasii koroonaa haala yaaddessaa irra gahuu ibse

Ministeerri Fayyaa fi Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasa Ityoophiyaa haala waliigalaa weerara Vaayirasii koroonaa irratti ibsa har’aa kennaniin, tamsa’ini weerara vaayrasii koroonaa torbee lamaan darbe keessa muul’ate, kan baatii lamaan darbanii caalaa yaddeesaa tahuu ibsan.
Ministeerri Fayyaa Dr. Liiyaa Taaddasaa ibsa kenniteen, Ityoophiyaa keessatti torbee lamaan darban namoonni 230 vaayrasii koroonaan qabamuu isaanii ibsuun, guyyoota lamaan darban keessatti qofa vaayirasichi namoota 49 irratti akka argame; Kun immoo haalli weerara vaayirasichaa sadarkaa yaaddessaa irra jiraachuu muul’isa jette.

Daayrektarri olaanaan Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa Dr. Eebbaa Abaata gama isaatiin, Namoota 365 hanga kaleessatti vaayrasichaan qabaman keessaa namoonni 56 seenaa imala biyya alaa fi namoota kanaan dura vaayirasichaan qabaman waliin tuttuqaa kanneen hin qabne ta’uun ammoo yaaddoo guddaa tahuu ibse. Guyyaa har’aatis namoonni 24 vaayirasichaan qabamuu kan ibsame yoo tahu, haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichi irratti argamee 389 gahee jira.

Walumaagalatti namoota hanga ammaa Vayirasichi irratti argame jidduu 48% jiraattota magaalaa Finfinnee akka tahaniifi, hawaasni of eeggannoo cimaa akka godhu qabu ibsame.

Dabalataanis Dr. Eebbaan ibsa isaa keessatti, namoota seenaa imalaa hin qabne keessaa namoonni 45 magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Lidataatti kan argaman akka taheefi, Kutaa magaalattii kana keessatti namoonni 32 tuttuqaa nama vaayirasichaan qabamee tokkootiin qabamuu isaanii hime.
Kun ammo tatamsa’inni vaayrasichaa hangam ariifataa akka ta’e kan muul’isuu jedhe.

Magaalaa Finfinnee keessaa nannoon tamsa’ini vaayirasichaa itti hammaataa jiru kan biraa ammoo naannawa gabaa Markaatoo tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

Kana malees Buufata Poolisii magaalaa Finfinnee tokko keessatti tuttuqaa nama tokkootiinn hidhamtoonni 66 vaayrasichaan qabamuu ibsame.

Weerarri vaayrasichaa hanga ammaatti bulchiinsa magaalotaa lamaa fi naannolee 7 keessatti muul’achuu isaa ibsi qondaaltonni Fayyaa Ityoophiyaa kennan ni addeessa.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button