Bulchiinsi Falasxiin deeggarsa meeshaalee Fayyaa Emreets karaa buufata xiyyaara Israa’eliin ergiteef fudhachuu dide
Ministeerri Fayyaa Falasxiin Dr. Mayii Al-Kaayilaa ibsa Khamiisa har’aa kenniteen, Mootummaan Emreets deeggarsa meeshaalee Fayyaa dursee bulchiinsa Falasxiin waliin osoo hin mari’atin gara Israa’el erguu ibsuun, bulchiinsi Falasxiin ammoo deeggarsa kana kan hin fudhanne tahuu beeksiste.
Ministeerri Fayyaa Falasxiin itti dabaluudhaan “Falasxiin biyya birmadummaa qabdu waan taateef, Emreets jalqaba nu wajjiin wal qunnamtii godhuu malte”jette.
Emreets jalqaba torbee kanaa Xiyyara meeshaalee Fayyaa too’annoo COVID-19 oolu fe’ate gara Israa’el erguun, biyyoota Galoo Galaana Arabiyaa jidduu ifatti imala xiyyaara gara Israa’elitti godhuun biyya jalqabaa taatee jirti.
Gochi Emreets kun lammiilee Falasxiin kan mufachiise yoo tahu, Emreets hariiroo Israa’el waliin jalqabde jabeefachuuf maqaa deeggarsaatiin Falasxiin riqicha godhachuu hin qabdu jechuun qeeqaa jiran.