header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaKoroonaaOdeeyfannoo

Ardii Afrikaa Keessatti lakkoofsi namoota Vaayirasiin koroonaa irratti argamuu mirkanaahee 100,000 dabre

Biyyoonni Addunyaa weerarri vaayirasii koroonaa dursee keessatti babal’atee ture muraasni, tamsa’ina vaayirasichaa to’achuuf carraaqqii cimaa godhaniin lakkoofsi namoota vaayirasichaan haarayatti qabaman hir’ataa jira. Haata’u malee weerarri vaayirasichaa ammas biyyoota heddu keessatti lubbuu namaa galaafataa jira.
Naannawa Addunyaa yeroo ammaa vaayirasichi saffisaan keessatti babal’ataa jiru tokko Ardii Afrikaati. Biyyoota Afrikaa 54 keessatti hanga guyyaa kaleessaatti namooota 105,976 vaayirasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu 3,204 du’uu gabafame.
Afrikaa kibbaa keessatti qofa lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 20,100 kan dabre yoo tahu, Masri, Aljeeriyaa, Morokoo fi Naayijeeriyaan baay’ina namoota vaayirasichaan qabamaniitiin wal duraa dubaan Afrikaa Kibbaatti aananii argamu.
Weerarri Vaayirasii koroonaa naannawa Baha Afrikaa keessattis haala hamaa ta’een tatamsa’aa jira. Haaluma kanaan Suudaan namoonni 3,378, Jibuutii 2,270, Somaaliyaa 1,594, Keeniyaa 1,114, Suudaan Kibbaa 563, Ityoophiyaa 433 vaayirasii koroonaatiin qabamuu gabaasan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button