header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Hidhattoonni Raashiyaan deeggaraman Liibiyaa lakkisanii bahuu gabaafame

Qondaaltonni Waraana Raashiyaa fi hidhattoonni 1200 ol maallaqaan bitamanii Liibiyaa keessatti garee Jeneraal Khaliifaa Haftaar cinaa hiriiruun lolaa turan, Alhada kaleessaa biyyattii lakkisanii bahuu gabaafame.
Dhiheenya kana hidhattoonni Khaliifaa Haftaar Waraana Mootummaa Liibiyaa loltoota Turkiyaan deeggaramuun rukutamee magaalota heddu keessaa eega ari’amee booda, Raashiyaan loltoota isiitiifi hidhattoota Suuriyaa irraa maallaqaan bittee gamisitti geessitee turte baasuuf kan murteessite tahuu miidiyaaleen gabaasan.
Jeneraal Khaalifaa Haftaar Raashiyaa, Emreets, Masri fi Faransaayiin deeggaramuun, waggaa tokko dura magaalaa guddoo Tiriipoolii to’achuuf lola bal’aa geggeessaa jiraatuun ni yaadatama. Haaluma kanaan milishoonni Haftaar naannawa bal’aa mootummaa harka ture qabachuun, magaalaa Tiriipooliitti eega dhihaatanii booda, ji’a muraasa dura mootummaan deeggarsa Turkiyaa gaafatee ture.

 

Kanuma hordofuun loltoonni Turkiyaa Xiyyaarota waraanaa (Drooniin) deeggaramuun mootummaa biyyattii beekamtii UN qabu cinaa eega hiriiranii asitti ammoo, hidhattoonni Khaliifaa Haftaar fi michuuwwan isaa magaalota heddu keessaa kan ari’aman tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Liibiyaa lola

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button