header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

COVID-19 UPDATE MAY 31,2020

Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota Vaayirasii Koroonaatiin qabamuu mirkanaahee 1,172 gahe.
Ministeerri Fayyaa ibsa Alhada har’aa baaseen, qorannoo laabiraatoorii sa’aatii 24 darban keessatti namoota 2,836 irratti geggeeffameen, namoota 109 irratti vaayirasiin Koroonaa argamuu beeksise.
Namoonni vaayirasichi irratti argame dhiira 61 fi dubartii 48 yoo ta’an, umriin isaanii 5-70 keessa tahuu ibsame.
Namoota kanneen jidduu 99 jiraattota magaalaa Finfinnee, 2 naannoo Tigiraay, 5 naannoo Oromiyaa, namoonni 3 ammoo jiraattota naannoo Hararii tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.

Namoota guyyaa har’aa vaayirasichi irratti argamuu gabaafame jidduu 94 seenaa imalaa biyya alaatis tahee, nama kanaan dura vaayirasichaan qabame waliinis wal qunnamtii kan qabne tahuu gaabaafame.

Haaluma kanaan Ityoophiyaa keessatti baay’inni namoota Vaayirasii Koronaatiin qabamanii 1,172 kan gahe yoo ta’u, namoonni 209 ammoo dhibee kanarraa fayyuu ibsame.
Dabalataanis ministeerri Fayyaa ibsa har’a baase kanaan, namoonni 3  kan du’an tahuu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaatiin du’anii 11 gahee jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button