header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaKoroonaaOdeeyfannoo

Indoneezhiyaan lammiileen isii Hajjii bara kanaatiif gara Sa’uudii kan hin imalle tahuu beeksiste

Indoneezhiyaan weerara Vaayirasii koroonaatiin wal qabatee, lammiileen isii sirna Hajjjii bara kanaa irrattii kan hin hirmaanne tahuu beeksiste. Indoneezhiyaan biyya Islaamaa ummata guddaa qabdu yoo taatu,n waggaa kana lammiileen biyyattii 220,000 ol tahan sirna Hajjii bara kana raawwachuuf galmaahanii akka turan gabaafame.

Ministeerri Dhimmoota Amantii Indoneezhiyaa Fakrul Razi ibsa har’a Jakartaa keessatti kenneen “Mootummaan Sa’uudii hajjii bara 2020 kanaa ilaalchisee hanga ammaatti murtii irra gahuu dadhabuu isaatiin walqabatee, akkasumas fayyaa lammiilee keennaa eeguun dirqama mootummaa waan taheef, nuti addatti murtii gaddisiisaa kana irra geennee jirra”jedhe.

Ministeerichi akka jedhetti, Indoneezhiyaan of eeggannoo barbaachisaa tahe waliin yoo xiqqaate kootaa isii walakkaa Hajjii erguuf karoorfattee akka turteefi, ji’a dabre irraa jalqabee Sa’uudiin Hajjii bara kanaa ilaalchisee murtii xumuraa akka beeksistu dhibbaa godhaa turuus ibse. “Haaluma kanaan Prezdaant Joko Widodo dhimmicha irratti Malik Salmaan waliin bilbilaan mari’atee kan ture tahus, hanga ammaatti mootummaan Sa’uudii murtii irra hin geenne”jechuun hime.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button