Ameerikaan namoota 10,000 ol hiite
Ajjeechaa Poolisni adiin Ameerikaa kutaa Minesootaa magaalaa Miniyaapolisitti nama gurraacha lammii Ameerikaa ta’e irratti raawwate, magaaloota Ameerikaa 50 ol keessaatti mormii cimaa kaase.
Hiriirri mormii magaalota gara garaatti gocha suukanneessaa raawwatame balaaleeffatuun geggeeffame kun jeequmsatti jijjiirame, qabeenyi hedduun barbaada’ee kaanis saamamee jira. Kana hordofuun bulchinsi magaaloota biyyattii tokko tokko labsii sochii namootaa dhorku baasanii jiran.
Bulchinsi magaalaa Miniyaapolis jeequmsaa fi saamicha sababa hiriira kanaatiin mudateef magaalichatti qabeenyi Doolaara Ameerikaa Miliyoona 55 caalu barbaadawuu ibse.
Guyyaa mormiin jalqabame irraa kaasee magaalota gara garaa irraa namoonni 10,000 to’atamuus Associative Press gabaase.
Akka gabaasa kanaatti, namoonni hidhaman 25% ol magaalaa Los Anjelees irraa yoo tahan, kunniin hafan ammoo magaalota biyyattii gara garaa irraa tahuu ifoomse.