Indooneezhiyaa fi Urduuniitti Masjidoonni banaman
Tatamsa’ina weerara dhukkuba Koroonaa-vaayras to’achuuf biyyoonni hedduun Masjidoota dabalatee, tarkaanfii manneen amantaa cufuu fudhatanii turan.
Dhukkuba kana jalaa baraaramuuf, uggurri kun Istaadiyeema, mana taphaa, waajjiroota daldalaa, Konsertiileefi Hoteellan gurguddaa mara, walumaa galatti bakka namni itti walitti qabamu hundatti labsame.
Ammaatti biyyoonni hedduun uggura labsame laaffisuun, masjidoota dabalatee wiirtuuwwaan daldaalaa banamaa jiru.
Haaluma kanaan torban dabre, Masjiidoota kabajamoo lamaan Masjid al Nabawii fi Masjid al Aqsaa dabalatee biyyoota Addunyaa hedduu keessaatti masjidoonni uummataaf banamaniiru.
Juma’aa har’aatis Urduun fi Indooneezhiyaatti masjidoonni ji’oota lamaaf cufamanii turan banamuu gabaafame.
Mootummaan Urduun juma’aa har’aa, haala wal irraa fageenya hawaasummaa eegatee fi dhibee kanaaf hin saaxilamneetti, masjidoonni hawaasaaf akka banaman ajaje.
Indooneezhiyaatis haala walirraa fageenya hawaasummaa eegateetti, guyyaa har’aa masjidoonni guutuu biyyaatti kan banaman tahuu gabaafame.
maasha allaah rabbii isiinirra haajaalatu jabaadha nulleen isiin faana jirra
Mashaa Allah bayee namaatii tolaa ittii kufaa
isiin jaladhaa
masjida ka hafalle nuf haa banu
mashallah