Guutuu Addunyaatti Lakkoofsi Namoota COVID-19’n qabamanii Miiliyoona saddeet dabre
Guutuu Addunyaatti lakkoofsi namoota dhibee Koroonaa Vaayirasiin qabamanii miiliyoona 8.1 dabruu mirkanaawe, namoonni miliyoona 4.2 ol immoo bayyanachuu fi yoo diqqaate namoonni 440,239 immoo dhibee kanaan Addunyaa irraa kan godaanan tahuu fi irra hedduun Ameerikaa , Biraaziil fi Biritaaniyaa irraa tahuu gabaasni John Hopkins Yuuniverstii ni mul’isa.
Ameerikaatti lakkoofsi namoota qabamanii 2,182,950 gahe, kan du’e 118,283 yoo ta’u namoonni 889,866 immoo fayyaanii jiru.
Ardii Afrikaatti lakkoofsi namoota COVID-19’n qabamanii saffisaan dabalaa jiraatuu ibsame
Wiirtuun To’annoo Dhibee Afrikaa, (Africa CDC)’n, ardiichaatti guyyaa irraa namoota qorannoon COVID-19 godhamuuf jidduu, yoo diqqaate namoonni 10,000 ol dhibee kanaan ni qabamanii jedhe. Guyyaa kaleessaa June 15,2020 qofa lakkoofsi namoota qabamuun isaanii mirkanaawe
Ardiichaatti walumaagalatti lakkoofsi namoota qabamanii 254,913, kan du’aan 6,806 yoo tahu, namoonni 117,221 immoo dhibee kana irraa bayyanachuu odeeyfannoon ni mul’isa.
Ardii Afrikaatti biyyoonni dhibeen kun keessaatti hammate, Afrikaa kibaa, Masri, Jibuutii, Morookoo fi Naayijeeriyaan adda durummaan kahamanii jiru.
Masr Tajajila Geejjiba Xayyaara banuuf
Lakkoofsi namoota Koroonaa-vaayrasiin qabamanii guyyarraa Masri keessatti ol ka’aa jiraatus Masriin tajaajila xayyaaraa kan jalqabdu tahuu Ministeerri Geejjiba Xayyaaraa Muhammad Manaar ifoomse.
“Eeggachaa hojjennu malee akkanatti turuun nu hin barbaachisu. Biyyoota dirree Xayyaaraa banan, kanneen nu waliin hojjechuu barbaadan maraa waliin ni hojjanna” ja’e Manaar.
Garuu ifatti guyyaa tajaajilli Xayyaaraa jalqabu hin ibsine.
Tunuuziyaa
Kaaba Afriikkaatti tan argamtu biyti Tunuuziyaan guyyaa kaleessaa, weerara dhukkuba Koroonaa-vaayras irraa guutumatti damdamachuu labsite.
Guyyoota hedduuf Tunuuziyaatti namni haarayni dhukkuba Koroonaa-vaayrasiin qabame hin jiru. Isaan duraan qabamanilleen hundi damdamachuu Muumichi Misiteera Tunuuziyaa Ilyaas Fakhfaakh dubbate.
Itti ida’uunis Ilyaas, injifannoo tanaan wal qabatee biyyattiin daangaa isii mara bantee jiraachuu ibse.
Biritaaniyaan Qorichi “Dexamethasone”jedhamu dhukkubsattoota COVID-19 lubbuu baraaruu danda’a jette
Qorichi baay’ee rakasa ta’eefi salphaatti argamuu danda’u ‘dexamethasone’ jedhamu dhukkubsattoota Covid-19 haala yaaddessaa keessa jiran lubbuu baraaruu danda’a jedhame.
Qorichi Carraa du’aa dhukkubsattoota meeshaa ittiin harganan ykn veentileetarii jala jiran harka tokko sadaffaan, kanneen oksijiinii jala jiran ammoo carraa du’aa isaanii harka tokko shanaffaan xiqqeessa jedhame.
Hogganan qorattootaa fayyaa Yuunivarsitii Oksifoord pirofeesar Piitar Hoorbii akka jedhetti, “amma yoonaa qorichi du’a Covid-19 haalaan xiqqeessuu danda’e kana qofa.”
Kuni argannoo guddaadha jedhe pirofeesar Piitar.