header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Itti aanaa Prezdaantii Suudaan Jeneraal Muhammad Hamdaan Dagaaloo Finfinnee seene

Jilli mootummaa Suudaan Itti aanaan Prezdaantii Jeneraal Muhammad Hamdaan Dagaaloo durfamu har’a Finfinnee yeroo seenetti, Itti aanaan Muummicha Ministeeraa Obbo Dammaqa Makonnin, Ministeerri Haajaa Alaa Obbo Gadduu Andaargachew fi hogganaan ol’aanaa Waraana Ityoophiyaa Jeneraal Aadam Muhammad kan simatan tahuu gabaafame.

Jeneraal Muhammad Hamdaan qondaaltota mootumma Ityoophiyaa waliin dhimma daangaa biyyoota lamaanii dabalatee, dhimmoota biroo irratti ni mari’atu jedhamee eeggama.
Suudaan torbee sadi dura hidattoonni mootummaa Ityoophiyaatiin deeggaraman, gara biyyattii seenuun haleellaa raawwataniin loltoonni isii ajjeefamuu beeksistee turte. Kanuma hordofuun ministeerri haajaa alaa biyyattii qondaaltota Imbaasii Ityoophiyaa Khaartumitti argamu yaamuun, dhimmicha irratti ibsa akka kennan gaafatuus gabaafamee ture.
Ministeerri haajaa alaa Ityoophiyaa booda irra ibsa baaseen, rakkina daangaa irratti muudate hordofuun miidhaan dhaqqabe kan isa gaddisiise tahuu ibsuun, dhimmicha irratti mootummaa Suudaan waliin mari’achuuf qophii tahuu beeksisuun isaa ni yaadatama.

MOH DEGALO

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button