header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

COVID-19 UPDATES June 18, 2020

Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahe 3,954 gahe

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa ibsa har’a baaseen, sa’aatii 24 darbe keessatti qorannoo laabratoorii 4,853 geggeesseen, nama 195 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota vayirasichaan qabamuu mirkanaayee 3,954 gahee jira.

Namoota kanneen jidduu 90 dhiira 105 ammoo dubartoota akka tahaniifi, umriin isaanii ammoo 1-85 tahuu ibsame. Namoonni 195’nu lammiilee Ityoophiyaa tahuu gabaafame.
Iddoon jireenna namoota kanneenii ammoo 144 jiraattota magaalaa Finfinnee, 12 naannoo Amaaraa irraa, 12 naannoo Tigraay irraa, 7 nannoo Affaar, kanneen biroo 7 magaalaa Dirree Dhawaa irraa yoo tahan, namni 4 nannoo Somaalee, 4 naannoo Oromiyaa, 3 nannoo Gaambeellaa akkasumas 2 ammoo Hararii irraa tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.

Dabalataanis lakkoofsi namoota dhibee kana irraa bayyanataniitis 934 akka gaheefi lakkoofsi namoota du;anii ammoo 65 gahuuu gabaafame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button