header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa weerarri Vaayirasii Koroonaa haala yaaddeessaa taheen deebi’ee hammaataa jira jedhe

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa weerarri vaayirasii karoona ammaas haala yaaddeessaa taheen dabalaa jiraatuu ibsuun, Alhada kaleessaa addunyaa irratti guyyaa tokkotti lakkoofsa olaanaa namoota covid-19 qabaman galmaahuu beeksise. Dhaabbatichi guyyaa tokkotti namoota kuma dhibba 1 fi kuma 83 irratti vaayrasichi argameera jedhe. Kanneen keessaa kuma 50 ol lammiilee Biraaziil ta’uu ibsame. Dabalataan Ameerikaattis guyyaa kaleessaa namoonni lakkoofsan olaanoo ta’an vaayirasichaan qabamuu odeeyfannoon ni addeessa.
Biyyoota addunyaa weerara kanaan miidhaman jidduu Raashiyaan sadarkaa 3ffaa irratti kan argamtu yoo taatu, biyyattiitti namoonni 592,280 ol dhibee kanaan qabamaniiru.
Gama biraatin ammoo Indiyaa keessattis namoonni vaayrasii koroonaatin qabaman 426,910 dabree jira. Akka gabaasa WHO’tti biyyattii keessatti qorannoo guyyaa kaleessaa sa’a 24 keessatti geggeeffame qofaan namoonni kumni 15 ol vaayrasichaan qabamuu mirkanaahee jira.
Akka ardii Afrikaatti hanga guyyaa kaleessaatti namoota 309,710 vaayirasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu 8156 du’uu gabaafame. Weararri Vaayirasichaa biyyoota heddu keessatti saffisaan babal’ataa kan jiru tahuufi, keessumattuu Afrikaa Kibbaa fi Masri keessatti hammataa jira. Haaluma kanaan hanga guyyaa kaleessaatti Afrikaa Kibbaa keessatti namootni 97,302 Masri keessatti ammoo namoonni 55,233 Vaayirasichaan qabamuu mirkanaahee jira. Biyyoota lamaan keessatti qofa namoonni 4,000 ol sababa vaayirasichaatiin du’uu gabaafame.
Weerarri vaayirasichaa Ityoophiyaa keessattis saffisaan kan babal’ataa jiru yoo tahu hanga guyyaa har’aatti namoota 4663 Vaayirasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu 75 du’uu ragaan ministeera fayyaa irraa bahe ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button