header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

COVID-19 UPDATES June 28, 2020

Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahe 5,689 gahe

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa ibsa har’a baaseen, sa’aatii 24 darbe keessatti qorannoo laabratoorii 3,895 geggeesseen, nama 119 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota vayirasichaan qabamuu mirkanaayee 5,689 gahee jira.

Namoota kanneen jidduu 73 dhiira; 46 ammoo dubartoota akka tahaniifi, umriin isaanii ammoo waggaa 1-80 tahuu ibsame. Namoonni 116 lammiilee Ityoophiyaa yoo tahan, 3 ammoo lammiilee biyya biroo tahuu gabaafame.
Iddoon jireenna namoota kanneenii ammoo 99 jiraattota magaalaa Finfinnee, 7 naannoo Hararii, 5 nannoo Tigraay yoo tahan, namni 4 nannoo Soomalee, 3 naannoo Oromiyaa akkasuma tokko ammoo naannoo Amaaraa irraa tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.
Gama biraatiin ammoo lakkoofsi namoota dhibee kana irraa bayyanataniitis 2,132 akka gaheefi lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaa du’anii ammoo 98 gahuu gabaasichi ni mullisa.

Korona update

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button