header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Iiraan Prezdaant Donald Tramp akka qabamee seeratti dhihaatuuf Dhaabbata Poolisii Addnyaa gaafatte

Abbaan Alangaa Iiraan ajjeechaa January darbe Jeneraal Qaasim Suleeyamnii irratti raawwatame ilaalchisee himannaa kan bane yoo tahu, Prezdaant Donald Tramp dabalatee qondaaltota Ameerikaa 30 tahan akka qabamaniif dhaabbata poolisii Addunyaatti iyyate. Abbaan Alangaa Iiraan Ali Alqasimahir ibsa Wixata har’aa kenneen, Donald Tramp fi qondaaltota Ameerikaa ajjeechaa Baagdaad keessatti January 3/2020 raawwatame keessaa harka qaban hunda irratti, himannaa yakka shororkeessummaa banuu beeksise.
Dhaabbanni Poolisii Addunyaa (Interpol) dhimmoota siyaasaatiin alatti, namoota biyya biroo keessatti yakka raawwatan to’annaa jala oolchuun biyya miseensa dhaabbatichaatiif kan kennu yoo tahu, gaaffi Iiraan kana ilaalchisee hanga ammaatti yaada hin kennine. Haata’u malee rakkoo siyaasaa Ameerikaa fi Iiraan jidduu jiruun walqabatee, Interpol gaaffii Iiraan kana fudhachuuf carraan jiru dhiphaa tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button