header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Prezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afaworqii gara Masri imaluu gabaafame

Jilli mootummaa Eertiraa prezdaant Isaayyaas Afaworqiin durfamu daaw’annaa hojii guyyaa sadihiitiif har’a ganama gara Kaayiroo imaluu gabaafame. Ministeerri Odeeyfannoo biyyattii Yamane Gebremasqal fuula Twitter isaa irratti akka ibsetti, ministeerri haajaa alaa Usmaan Saalah fi gorsaan prezdaantichaa Yamane Gabr’ab jila kana wajjiin kan imalan tahuu hime.

Prezdaant Isaayyaas haaluma walfakkaatuun torbee tokko dura gara Suudaan imaluun hoggantoota biyyattii waliin kan mari’ate tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Haata’u malee ajandaan mootummaa Eertiraa gara Suudaan fi Masritti deddeebisaa jiru maal akka tahe hin ibsamne.

Odeeyfannoo birootiin ammoo Masri ji’a dabre keessaa Xiyyaara meeshaalee waraanaa fe’ate gar Somaaliyaa ergitee akka turte gaazexaan The Sunday Telegraph gabaase. Akka gabaasa kanaatti Xiyyaara meeshaalee waraanaa Kalashnikovs 2000, Rokeet lawuncharii, qawwee Isnaayparii, Shuguxii fi mortaarii fe’ate kana mootummaan Somaaliyaa akka biyya isaa hin qubanne dhoorkuu ibsame. Qondaalli mootummaa Somaaliyaa tokko gaazexaa kanaaf akka ibsetti, “Maqdishoon waldhabbii Ityoophiyaa fi Masri jiddutti hammaataa dhufe keessa galuuf fedhii hin qabdu”jedhe.

Gama biraatiin ammoo Ityoophiyaa, Masri fi Suudaan dhimma hidha laga Abbaay irratti marii kan itti fufan tahus, hanga ammaatti walii galtee irra kan hin gahin tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

isayas

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button