header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaKoroonaaOdeeyfannoo

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa weerarri vaayirasii koroonaa biyyoota Afrikaa Saharaa gadii keessatti hammaataa jira jedhe

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa-WHO’n akka jedhetti, weerararri vaayirasichaa biyyoota Afrikaa Saharaa gaditti argaman keessatti saffisaan babal’ataa akka jiru ibsuun, haalli qabatamaa Afrikaan Kibbaa yeroo ammaa keessatti argamtus kanuma nutti mul’isaa jedhe.
Dhaabbatichatti hoogganaan dhimma hatattamaa Maaykil Raayan, tamsa’ini vaayirasichaa Afrikaa Kibbaatti daran hammaate kun “haala nama gaddisiisuun biyyootii Afrikaa birootti akka uumamuu danda’u ifatti kan mullisu”jechuun akeekkachiise.

Mr.Raayan itti dabaluudhaanis “Afrikaan Kibbaa haala hamaa keessa yeroo jirtu kanatti, biyyoota biroo keessattis tarkaanfiin hatattamaa hin fudhatamu taanaan, akkasumas gargaarsi dabalataa hin godhamu taanaan rakkoon hamaan muudatuun hin oolu”jedhe.

Akka Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa jedhutti, tatamsa’inni Covid-19 torbe darbe keessaa Afrikaa kibbaatti 30%, Keeniyaatti 31% Madagaskaaritti 50%, Zaambiyaatti 50% akkasumasa Namiibiyatti 69%’n dabale.

Afrikaa Kibbaa keessatti hanga guyyaa har’aatti namoonni 373,628 vaayirasichaan qabamuu kan mirkanaahe yoo tahu, lakkoofsi lammiilee biyyattii sababa vaayirasichaatiin du’anii ammoo 5,173 gahee jira. Haaluma kanaan yeroo ammaa Afrikaan Kibbaa Addunyaa keessatti biyyoota Covid-19 akka malee hubaman jidduu sadarkaa 5ffaa irratti argamti.
Guutuu Afrikaa keessatti hanga ammaatti namootni 740,980 vaayirasichaan qabamuu kan mirkanaahe yoo tahu, namootni 15,468 ammoo sababa vaayirasii koroonaatiin lubbuun isaanii darbuu gabaasni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button