header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Suudaan keessatti awwaalli qondaaltonni biyyattii duraanii heddu jumlaan keessatti awwaalaman argamuu gabaafame

Suudaan magaalaa Khaartuum keessatti awwaalli qondaaltonni waraana biyyattii duraanii 28 jumlaan keessatti awwaalaman kan argame tahuu gabaafame. Abbaan alangaa mootummaa biyyattii ibsa baaseen, awwaalli jumlaa amma argame kun kan qondaaltota waraanaa bara 1990, Prezdaantii duraanii Umar Hasan Al-Bashiir irratti fonqolcha raawwatuun yakkamanii, dhoksaan ajjeefaman akka tahe ragaan argamee jira jedhe.

Prezdaant Umar Hasan Al-Bashiir mataan isaa, bara 1988 muummicha ministeera biyyattii karaa dimokraatawaa taheen filatamee ture Saadiq Al-Mahdi, humna waraanaatiin fonqolchuun angoo qabate.

Abbaan alangaa mootummaa Suudaan Prezdaant Al-Bashiir fonqolcha mootummaa bara 1988 geggeesse kanaafis himannaa kan irratti bane yoo tahu, kiibxata dabre mana murtiitti dhihaate himannaan kan dubbifameef tahuu gabaafame. Haaluma kanaan awwaalli jumlaa amma argame kunis akka ragaatti mana murtiitiif kan dhiyaatu tahuus ibsame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button