Kanadaan Appilikeeshina Telefoona nama dhibee COVID-19’n faalame adda baasu hojjatte
Muummichi ministeera Kanadaa Justin Trudeau “Appilikeeshiniin bilbila ammayyaa ‘COVID Allert’ jedhamu kun kalaqa haarawa dhibee kana ittisuuf fayyaadu” jedhe. Akkasumas Namoonni Appilikeeshina kana buufatanii qabanis dhibee kanaan faalamuu fi dhiisuu kan adda baasu tahuu ibse.
Mr Trudeau’n “Ani ganama har’aa Appilikeeshina kana buufadhee jira. Isinis buufattanii akka fayyadamtanin isin gorsa. Fayyadamtoonni yoo heddummaatan tatamsaa’a dhibee kanaa hanga tokko xiqqeessuu danda’a”jedhe.
Ogeeyyiin Fayyaa Kanadaa gama isaaniitiin “Appilikeeshina kana namoonni hedduun yoo fayyadaman fuulduraaf tatamsaa’a dhibee kanaa biyyattii keessaa ittisuuf ni garagaara” jedhan.
Kutaa biyyattii lakkoofsa ummataa guddaa qabaachuun beekkamtu Ontaariyoo keessa Appilikeeshinni kun jimaata dheengaddaa irraa tajaajila kennuu jalqabee jira. Dhiyotti immoo guutuu Kanadaa keessatti kan hojjatuuf jiraatu tahuun gabaafame.
Appilikeeshinichi lakkoofsa qorannoo COVID-19 qondaala fayyaa biyyattii irraa kennamu itti galchuun hojjata, Haaluma kanaan namoonni Appilikeeshina kana bilbila isaanii irratti buufatanii qaban naannawa isaanii namni dhibee kanaan qabame yoo jiraate, fageenya irraa kan beeksisuufi of eeggannoo godhuu qaban hima.
Akka of eeggannoo godhuu qaban yaadachisuun alatti eenyummaa nama dhibichaan qabamee kan hin ibsine tahuu ibsame.
It’s a good innovation of our world
966 559947568
966 559947568
50723382
summya
summya
summya
Nuural Hudaa Soora Qalbii Muslimaa Jabaadhaa Itti Nuu Fufaa Diinii Wojjiin Jirra. Namni Diinii Wojjiin Jiru Wojjiinis Jira.
as wr wb
jajabadha rabbii isin haa gargaru
as wr wb
00971 56 819-6157
wontootaa adda adda nuuf dhiyeessuu keessanif galatoma
salaam bufadhen taure garu lakofsa sana gutu hindadanye
Deerehusain@gmail.com
Etiyoophiyatti Hin dalagumi
apelkeshini maqasa nuf baresa
Maqaan saa maalii?
Yoom gadhiifama?
haalii yeroo akkam?