header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Balaa lolaa Naannoo Affaariitti muudateen namoonni 49,000 ol qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’an

Balaan kun lagni Awaash guutuu hordofuun kan muudate yoo tahu, haga ammaatti aanaalee naannichaatti argaman 7 irraa lammileen 49,000 ol qa’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’uu fi namoonni 50,000 haala yaaddessaa keessa jiraatu gabaafame.

Itti aantuun Biiroo Ittisa Balaa fi Wabii Nyaataa naannichaa addee Kulsuumaa Burahaab, Balaan muudate cimaa ta’uu hordofuun deeggarsi hatattamaa kan barbaachisu ta’uu ibsite.

Hanga ammaatti balaa kanaan lubbuun namaa dabre kan hin jire ta’uu odeeffannoon ni addeessa.

 

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button