Muummichi Ministeera Lubnaan Mootummaan guututti angoo gadi lakkisuu beeksise

Dhoohinsa hamaa Kiibxata dabre qarqara Buufata Doonii magaalaa Beeyruut keessatti muudateen, hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 200 akka du’anii fi kanneen biroo 6,000 ol tahan ammoo madaahuu ibsame. Dhoohinsa guddaa kanaan buufatnii doonii harki caalu akka barbadaaheefi, walumaa galatti yoo xiqqaate gomoowwan magaalaa Beeyruut 6,2000 ol kan barbadaayan tahuu ibsame. Haaluma kanaan jiraattonni magaalatti 250,000 ol kanneen manneen jireenyaa jala barbadaaye, buufataalee gara garaa keessa kan qubsiifaman tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Lammiileen biyyattii mootummaan diinagdee kufaa jiru baraaruu hin dandeenye, akkasumas malaamaltummaan biyyattii keessatti hammaateen qaalayiinsi jireenyaa hammaatee jira jechuun yeroo dheeraaf mormii geggeessaa turuun ni yaadatama. Balaa kana boodas lammiileen biyyattii kumaatamaan lakkaahaman Sabtii dheengaddaa irraa jalqabee daandiitti bahuun dallansuu isaanii ibsataa jiran.
Kanuma hordofuun kaleessa miseensonni paarlaamaa sagal fi ministeeronni lama angoo gadi lakkisanii jiru. Muummichi ministeera biyyattii Hasan Diyaab ibsa galgala har’aa Televiziinaan kenneen ammoo, mootummaan biyyattii guututti angoo gadi lakkisuu beeksise.
Lubnaan kufaatii diinagdee isii muudate keessaa bahuuf yoo xiqqate Doolara Biiliyoona 5 hatattamaan kan barbaaddu yoo tahu, Faransaay fi dhaabbannii mootummoota gamtoomanii maallaqa kana dhaabbilee fi biyyoota gara garaa irraa walitti qabuuf kan carraaqaa jiran tahuu gabaafame.