header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Turkiyaan Hariiroo Emreets waliin qabdu addaan kutuu kan maltu tahuu ibsite

Emreets Khaamis dabre Israa’el waliin hariiroo uumuu eega labsitee booda, Falasxiin fi Turkiyaa dabalatee biyyoonni Islaamaa muraasni labsiin Abu-Dabii kun “gantummaadha”jechuun ifatti balaaleffataa jiru. Prezdaant Rajab Erdogaan yaada kenneen, biyyi isaa hariiroo Dippilomasii Emreets waliin qabdu addaan kuttee Ambasadaras biyyattii keessaa baasuu malti jedhe.

Erdogaan itti dabaluudhaanis “gochi gantummaa Emreets raawwatte kun Falasxiinotaaf kan hin liqimfamin tahuu hubannee jirra; Bulchiinsi Falasxiin Imbaasii Abu-Dabii keessaa qabu cufuuf sochii jalqabe yoo kan raawwatu tahe, Turkiyaanis hariiroo Emreets waliin qabdu addaan kutuun Falasxiin waliin dhaabbatti”jedhe.
Ministeerri haajaa alaa Turkiyaa gama isaatiin ibsa baaseen “gocha gantummaa Emreets yeroo kanatti Falasxiinota irratti raawwatte seenaa fi ummanni naannawa baha jiddu galeessaa hin irraanfatu; Turkiyaan ammoo qabsoo walabummaa ummata Falasxiin yeroo kamiyyuu caalatti ni deeggarti”jedhe.
Haaluma walfakkaatuun hariiroo Emreets fi Israa’el kana ummataa fi Bulchiinsi Falasxiinis sagalee cimaan balaaleffataa jiran.

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button