header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooUSA

Guutuu Addunyaatti Lakkoofsi Namoota COVID-19’n qabamanii Miliyoona 21 dabre

Dhaabbanni fayyaa Addunyaa (WHO)’ sa’aa 24’n dabran kessatti guutuu addunyaa irraa Lakkoofsi namoota Vaayirasii koronaan qabamanii 294,000’n dabaluu fi lakkoofsa guddaa guyyaa tokkootti galmaa’e tahuu ibse.

Hanga ammaatti guutuu Addunyaa irraa namoonni 21,740,930 dhibee kanaan qabamanii jiru, kana keessaa immoo namoonni 771,255 du’u, akkasumas 14,476,528 bayyanachuu fi namoonni ammaatti dhibee kanaan qabamanii wal’aansi godhamuuf jiru Walumaagalatti 6,497,890 tahuu
ragaan Yuunivarsiitii Joons Hoopkinsi ni mul’isa.

Ameerikaan lakkoobsa namoota dhibee kanaan qabamanii miliyoona 5.5 olii fi kan du’ani 170,000 ol qabachuun sadarkaa jalqabaa irratti argamti.

Biraaziil namoota vaayirasichaan qabamanii miiliyoona 3.3, Indiyaan miiliyoona 2.5, Raashiyaan 920,719 akkasumas Afriikaan Kibbaa 583,653 qabaachuun biyyoota addunyaarraa lammaffaa hanga shanaffatti jiraaniidha.

Itoophiyaatti sa’aa 24’n darbanitti namoota 19,769 qorataman jidduu, namoota 982 irratti Vaayirasiin kun argamu fi namoonni 322 immoo fayyuun mirkanawe jira.

Hanga ammaatti biyyattii keessatti namoota lakkoobsi namoota COVID-19’n qabamanii 29,876 kan gahe yoo tahu, kana keessaa namoonni 13,359 fayyuu ragaan ministeera fayyaa Itoophiyaa irraa argame ni addeessa.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button