header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Yaa’iin Idilee 3ffaan Majlisa Godina Arsii magaalaa Assalaatti geggeeffamaa jira

Yaa’iin guyyoota lamaaf turu kun majlisa Godina Arsii fi Magaalaa Asallaan kan qophaa’e yoo tahu, Majlisa Naannoo irraa Prezdaantii Majlisa Oromiyaa Sheekh Hajjii Ibraahiim, Barreessaa Sheekh Misbah Abdurrahmaan fi Hoggansa Boordii irraa Barsiisaa Badiruu Mahammad irratti argamanii jiru.

Saganticha irratti kan argaman Prezdaantiin Mana Marii Dhimmoota Islaamaa Oromiyaa Sheekh Hajjii Ibraahiim, Walgahii torban dabre keessa magaalaa Finfinneetti maqaa Ulamaa’ii Suufiyaa Oromiyaa jedhuun magaalaa Finfinneetti geggeeffame kan beekkamtii hin qabne jedhan. Akkasumas duula Jibbaa Islamummaa mootummaan Faransaayi Islamummaa fi Ergamaa Rabbii irratti baane balaaleeffatanii jiru.

Yaa’ii kana irratti miseensi mana marii ulamaa’ii fi hogganttootni boordii kan Godinaan Arsi fi Bulchinsa magaalaa Asallaa hundi kan irratti argaman yoo tahu, gabaasa bara 2012 fi karoora bara 2013 ni mirkaneeffatu jedhamee eegama.


Yaa’iin idilee kun Onkoloolessa 21/2013 jalqabe Onkoloolessa 22/2013tti kan xumuramu tahuu odeeyfannoo ni addeessa.

Yaa’ii Idilee 3ffaa Majlisa Godina Arsii
Yaa’ii Idilee 3ffaa Majlisa Godina Arsii

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button