Masjiidni beekamtii mootummaa qabu Griik magaalaa Ateens keessatti baname
Bulchiinsi Usmaaniyyaa waggaa 200 dura Griik lakkisuun eega bahee booda, Masjiidni magaalaa gudditii biyyattii keessatti akka hin ijaaramne dhoorkamee ture. Haata’u malee waggaa 14 dura masjiidni jalqabaa akka ijaaramuuf mootummaa biyyattii irraa hayyamni kan kenname tahus, dhiibbaa garee amantaa Ortodoksii Griik fi gareewwan jibbiinsa islaamummaa qabaniitiin hanga har’aatti xumuramee tajaajila osoo hin kennin ture.
Masjiidni kun Jum’aa dabre eebbifamee kan baname yoo tahu, muslimoonni kuma 200 ol tahan kanneen magaalaa Ateens keessa jiraatan, salaataa fi tajaajila amantii kan biroo kan keessatti argatan taha.
Haata’u malee dhibee Covid-19 biyyattii keessatti hammaateen walqabatee uggura manneen amantaa irra kaahameen, namoonni muraasni qofti sirna baniinsa masjiidichaa irratti kan argaman tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
maashaallah Alhmdulillaa
123456789
mashallah
hayaat
hayaat
Alahmdulillh
Mashaallah Mashaallah Tabarakaalla Jzk Rabbiin Gara Hundaa nu gamachisu In shahalla â˜ï¸ðŸ˜
masha allah