header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Qondaaltonni Filannoo Ameerikaa Komii Prezdaant Traamp kuffisan

Filannoo Prezidaantummaa Ameerikaa torban dabre geggeeffame, Itti aanaan prezdaantii duraanii Joo Baayideen sagalee barbadamuu ol argachuun, morkataa isaa kan amma aangoo irra jiru Prezdaant Traamp injifate.

Haata’u malee Traamp guyyaa bu’an filannoo labsame irraa kaasee abadan ani hin injifatamne, sagaleen miliyoona 2.7 ol na jalaa haqamee jira, isteetota murteessoo jedhaman keessatti sagaleen waliin-dhahameeraa jechuun himannaa bane.

Komii fi himannaa Traamp kana hordofuun qondaaltonni filannoo Federaalaa filannoon US kan bara 2020 ”seenaa Ameerikaa keessatti tasgabbaa’aadha” jechuun komii Doonaald Tiraamp filannicharratti sagaleen hatameera jedhu kuffisan.

Koreen Filannoo kun sagaleen haqamuu ykn baduu, jijjiiramuu ykn ammoo waliin dhahamuu isaaf ragaan hin jiru,” jedhe.

Muummeen Nageenya biyya keessaa filannoo pireezidantummaa Onkololeessa 3 geggeeffame tiksaa ture immoo, Kamisa kaleessa filannichi burjaajiirraa bilisa ture jechuun ibsa baase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button