Gurbaan tokko ergamaa Rabbii Muhammad ((SAW)) tti dhufee ” yaa Ergamaa Rabbii! Dalagaa yoonin isii dalage Rabbii fi namnilleen na jaalatutti mee na qajeelchi”jedhe
Rasuulli ((SAW)) “Duniyaa irraa dantaa dhabi! Rabbiin si jaalata. Waan harka namaa jiru irraa garagali(kajeellaa dhiisi)! Ilmi namaa si jaalata”ja’ee dhaameef.
Dubbiin jabduun tana! Warri fedhii lubbuu isaanii guutuuf dhama’an, warri asirratti ol’aantummaa kajeelu, warri duniyaa gabbaru Rahmata Rabbiitiin wal hin argu. Addunyaa irraa dantaa dhabuun dirqama.
Dantaa dhabuu jechaan hojii dhiisanii taa’uu miti. Onnetti qabatanii, duniyaa tana kaayyoo godhachuu dhabuudha. Qooda kee jaalattee, haqa namaatiif firinxiixuu dhabuudha.
Addunyaan mandara qormaataati. Dhiifnee qullaa keessaa bahuuf jiraanna. Osoo isiin nu hin dhiifne, dursinee haa dhiifnu. Osoo isiin nuun hin taphanne, dursinee itti haa qophoynu. Nuti warra boru Jannatatti qanani’uuf hawwii dheereeffatee, xiqqoo arraa lakkise. Addunyaa irratti hin waarru. Waan dhiisuuf jiraanutti qaamaafi qalbiin hin qaarru. Qooda kee jaaladhu! Xiqqoo qabdu amamfadhu. Waan harka namaa jiruuf hin maraatin.
Beekkumsa, dandeettii fi humna qabduun sossohi. Nama kadhachuu dhiisuun sammuuf boqonnaa kenniti. Kadhaan kabajaa namarraa fuuti. Namni kabajaa hin qabne sadarkaafi gammachuus hin qabu. Gammachuun if dandahuu irraa jalqabdi.