header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Poolisiin Niiwu Ziilaand Dubartoota Muslimaatiif Uffannaa Hijaabaa Hayyame

Adeemsi hijaaba yuunifoormii poolisii keessa galchuu bara 2018, yeroo miseensonni poolisii manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa biyyattii daawwatan irraa kan eegale yoo tahu, dubartoonni muslima ta’an akka humna poolisii biyyattii seenaniif kaka’umsa akka ta’uuf, hijaabni uffannaa keessa akka seenu kan murteeffame tahuu poolisiin biyyatti beeksise.

Dubbii himaan poolisii biyyattii, caasaan humna poolisii hawaasa biyyattii keessa jiraatu hunda akka fakkaatuuf hunda hirmaachisuun barbaachise jedhe.


Haaluma kanaan Zeenaa Alii miseensa poolisii dubartii yeroo jalqabaaf hijaaba akka yuunifoormiitti uffatte taatee jirti.


Konistaabil Zeenaa Alii humna poolisii seenuuf kan murteessite erga haleellaan masjiida Kiristaancharchi irratti raawwatamee booda ta’uu fi Dubartoonni muslimaa baay’inaan humna poolisii keessa seenanii uummata gargaaruu qabu jedheen amana jechuun barruu Niwu Ziiland Herald jedhamutti himte

Itti ida’uunis “Poolisii Niwu Ziilaand ta’ee hijaaba uffadhee yoo deemu baay’ee gammada. Kana ilaaluun dubartoonni muslima ta’an hedduun nutti makamu jedheen abdadha” jette.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button