header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Lammiileen Oromoo Liyyuu poolisiin qe’ee isaanii irraa buqqifamanii Godina Baalee keessa qubsiifaman rakkoo hamaa keessaa jiraatuun beekkame

Godina Baalee keessatti naannoo gammoojjii fi daangaa irraa sababaa walitti bu’iinsa daangaatiin haleellaa Liyyuu poolisii bulchiinsa naannoo Somaalee dheessuun yeroo ammaa Raayituu, Daawwee Qaachan, Madda Walaabuu, Daawwee Sarar fi Addeellee keessatti lammiileen qubatan rakkoo hanqina nyaataa, hanqina bishaan dhugaatii fi rakkoo wal’aansaa fayyaatiif kan saaxilaman tahuu beekame. Hanqina nyaataa irraa kan ka’e guyyaa guyyaan lubbuun namaa kan bahaa jirtu tahuun gabaasni arganne ni ibsa.

Lammiileen kunniin mootummaa irraa gargaarsa midhaan nyaataa kan hin argatinii fi mana keessa qubatanis wanta hin qabneef daasii sharaa fi laastikii irraa tolfachuun bosona keessatti kan rakkinaaf saaxilaman tahuu himan.

Haaluma walfakkaatuun Oromoonni wucaalee Somaaliilaand irraa ari’amanii bayuun gara Itoophiyaa seenan keessaa, namoonni 300 ta’an kanneen godina Baalee keessa qubatanis gargaarsa dhabuudhaan rakkoo guddaa keessa kan jiran tahuu gabaasni VOA ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button