OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Magaalota adda addaatti ummanni hidhamtoota hiikaman haala oowwaan simataa jira.
Hidhamtoota Siyaasaa guyyaa kaleessaa irraa jalqabee manneen hidhaa adda addaa irraa lakkifaman, ummanni magaalota adda addaa keessatti Simannaa godhaafii jira. Guyyaa hardhaa magaalaa Amboo fi Naqamteetti ummanni hidhamtoota Siyaasaa mana hidhaatii lakkifaman bahee simataa oole.
Magaalaa Naqamteetti barattoonni Yuunivarsitii, dargaggoonni fi manguddoon bahuun Dr Rufa’eel Deesisaa kan guyyaa kaleessa hidhaa irra lakkifame kan Simatan tahuun beekameera. Haaluma walfakkaatuun guyyaa kaleessatis Dr Mararaa Guddinaa ummanni kuma heddutti lakkaayamu kan simate tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.