header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
IbaadaaOg-Barruu

Rabbin eessa jira?

Bakka Uumaan jiru baruun, kun barnoota namayyuu beekuu qabu. Bakka Rabbiin kee jiru sirritti beekuu qabda. Bakka Rabbiin kee jiru kan sitti himu ammoo Rabbuma tahuu qaba. Kanaaf Rabbiin keenya bakka jiru Qur’aana keessatti nuuf ibse. Suuraa Xaahaa Aayata 5 irratti akkana ja’a.

*الرَّحْمَنُ عَلَى الْعَرْشِ اسْتَوَى*

*Rahmaan Arshii irratti (ol tahinsa isaan malu) ol tahee jira*

Ergaan Aayata kanaa ifa. Qur’aana keessa bakka 7tti ifatti Rabbiin Arshii irratti ol tahuu ibse. ‘Ol tahe’ gaafa jennu akka namaatti osoo hin taane akka Rabbummaa isaatti. Rabbiin nama ykn uumama biroo takkallee hin fakkaatu, ka akka isaa hin jiru. Uumamaafi Uumaa walitti fakkeessuun hin taatu. Rabbiin guddaadha.

“Rabbiin bakka hunda jira” ja’ee namni yaadu jiraannaan karaa irraa bahuu itti himaa. Aayataafi Hadiisa dhimma kanarra dubbatan hiikaafii gorsaa. Rabbiin Arshii irra jira, beekkumsa isaatin ammoo bakkayyuu hagooga. Dachii fi samii keessaas humaa wanni Rabbi jalaa dhokattu hin jirtu.

Arshiin uumama Rabbiin uume hundaa ol jirti. Rabbiin keenya ammoo isiirratti ol tahuu Qur’aanaan nuuf hime. Shakkii malee, batachaa malee, wahiin fafakkeessuun maletti namni Muslimaa tokko kanatti amanuu qaba. Namni Rabbitti amane bakka Uumaan isaa jiru haala kanaan beekuu qaba. Waa’ee Rabbii sirritti baruuf Qur’aanaa fi Hadiisa baraa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button