header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaKoroonaa

Akaakuun Koronaavaayiraasii haaraan UK keessatti argame sodaa guddaa uume

Qondaaltonni fayyaa UK torban dabre Akaakuun Koronaavaayiraasii haaraan argamu fi kutaalee Ingiliiz hedduu keessatti saffisaan tatams’aa jiraachuu labsan.

Ministeerri Fayyaa UK Maat Haankook miseensota mana maree biyyattiif, akaakuun koronaavaayirasii haarofti kun yoo diiqqaate iddoowwan 60 ta’anitti argamuu gabaasi nu ga’eera, akkasumas mootummaan UK waa’ee vaayirasii kanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti gabaasuu beeksise.

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa(WHO’n) gama isaatiin waa’ee vaayirasii kanaa qondaaltota UK waliin gadi fageenyaan mari’ataa akka jiruuf itti dhiyeenyaan horodfaa akka jiru kaleessa fula twitter isaarratti barreesse.

Kanuuma hordofuun biyyoonni Awurooppaa hedduun, imala Xiyyaaraa gara UK taasifamu ugguranii jiru, biyyoota hanga ammatti imala ugguran jidduu, Aayerlaandi, Jarman, Faransaayi, Xaaliyaan, Neezarlaandis fi Beeljiyam ni argamu.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button