header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Bulchiinsi Mana Barumsa Sadarkaa 2ffaa Tulluu Diimtuu Barataa Muslimaa Areeda dheeresse akeekkachiise

Magaalaa Finfinnee bulchiinsa kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallitti jallatti Kan argamu, mana barumsa Sadarkaa 2ffaa Tulluu Diimtuutti barataan kutaa 10, Usleeman Yaasiin jedhamu sababaa Areeda dheeressee fi Suurree gabaabseef bulchiinsa mana barumsichaa irraa akeekkachiisni kennameef.

Xalayaa akeekkachiisni barataa kanaaf itti keenname irratti qabxiileen 3 badii inni raawwate jechuun tarreeffamanii jiru. Isaanis:

1.Areeda dhereessuu fi Suurree gabaabsuu

2.Gaaffilee amantaan walqabatu kaasuu fi

3.Qajeelfama mana barumsichaa fudhachuu dide kan jedhan yoo ta’u, qabxiilee kana jidduu immoo  qabxiin yakka jedhamee heera fi seera biyyattiitti akka badiitti labsame hin jiru.

Haaluma kanaan baratan kun  Areeda isaa gabaabsee, akkasumas Suurree isaa dheereessu malee kan barachuu hin dandeenye ta’u kan akeekachiisni kan kennameef tahuu Xalayaan bulchiinsa mana barumsichaa irraa keennameef ni addeessa.

5 Comments

  1. yaa Raabii miidiyaa Muslim nuf bay’ee ustaazaa keenyaa kabajamo fi Ullaamayi keenyaa umurrii nuf dheerreessii 💯💯🤲🤲jzk

  2. Rabbiin Namaa Amantaa Islam umma fi Muminaa jibbu hundaa fi waan Amantaa Islamummati hin taane hundaa wolitti qabee nurra haa kaasuu Iznii ☝️isaatiin Insha Allah

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button