header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuSeenaa

Harree harkisuun jalqabe!

Qophii: Jaafar Bayaan

Biyyi Andaluus Mootummaa Umawiyyaatin gaafa bultu qissaan tun argamte.

Waahiloota sadiihitu ture magaaloota Andaluusirraa takka kheeysatti. Sadeenuu Harreen meeshaa magaalaa fii mana jidduu namaaf geeysan. Hojii Isaanii yoo xumuran halkan goojjoo takka wajjiin galan.

Gaafa tokko dalagaa Isaanii Harreen meeshaa olii gad oofaa oolanii halkan goojjoo Isaanitti deebi’anii Haasawutti seenan. Halkan Osuma haasawa adda addaa haasawan Sadeenirraa tokko Muhammad bin Abii Aamir kan jedhamu Waahiloota Isaa lameeniin: “Yoon Khaliifaa (bulchaa Andaluus kan waliigalaa) tahe maal akkan isiiniif godhu feetan?”jechuun gaafii Isaan hin yaadin gaafate.

Waahiloonni lamaan itti koflanii “Yaa Muhammad, ati harree harkisuudha hojiin tee. Khaliifaa hin taatu.”ja’aniin. Muhammad bin Abii Aamir gaafii Isaa akkuma jalqabetti gaafatuu itti fufe: “Yaa Jarana! yoon Khaliifaa tahe waan feetan himadhaa.”ja’een.

Waahiloonni Isaatis: “Yaa Muhammad! nu dhiisi ati Harree Harkisuudha hojiin tee, Khaliifaa hin taatu. Kanaaf nu dhiisi”ja’aniin.

Muhammad ammas itti fufe: “Yoon tahe yoo? Haa jennuu, yoon Khaliifaa tahe maal feetan?”jechuun gaafate.

Wal moormii dheertuu booda Waahilli isaa tokko waan fedhu himatuu jalqabe:

“Yaa Muhammad, Yoo Ati khaliifaa taate wannin sirraa fedhu: Qallaa guddaa akkaan bareedu”je’een.

Muhammad: “Ammas yoo?”je’een.

Waahilli: “Ammas Oyruu haalaan bareeddu, tan haalaan kudraa qabdu, bareedduu ijatti toltu”je’een

Muhammad: “Ammas yoo? maal feeta waan biraa?”je’een.

Waahiltichi: “Maallaqan fedha. Maallaqa Dahabaa kuma dhibba tokkon fedha”je’een.

Muhammad: “Ammas yoo? Maal akkan siif godhu feeta?”je’een.

Waahiltichi: “Ammas Faradoo hedduu tan Kooraa fii wanni Isii hundi irratti tolfamen fedha.”je’een.

Muhammad bin Abii Aamir itti fufuuf: “Ammas yoo maal feeta?”je’een.

Waahilli Isaatis: “kana booda humaa hin fedhu. Naaf gaha”je’een.

Muhammad: “Ammas maal feeta? yaa namana himadhu”ja’aan.

Waahilli: “kana booda humaa hin fedhuu na dhiisi”je’een.

Muhammad bin Abii Aamir Saahiba Isaa kan lammeeysootti garagalee: “Yaa Saahiboo! Ati Yoon khaliifaa tahe maal akkan siif godhu feeta?”je’een.

Waahilli Isaa kunis: “Yaa Muhammad! Ati Harree na wajji harkisaa jirta. Khaliifaa abadan hin taatu. Ati nama khaliifaa tahu hin fakkaattu. Samii fii dachiin walitti maxxanuutu irra dhihaata ati khaliifaa tahurra.”je’een.

Muhammad bin Abii Aamir: “Yaa namana! san hunda itti dhiisi. Yoon khaliifaa tahe maal feeta? tahe haa jennuu, yoon tahe waan feetu himadhu.”je’een.

Waahilli Isaa kunis: “Yaa Muhammad Ati khaliifaa abadan hin taatu. Yoo ati khaliifaa taate ammoo waan naaf gootu dhagayi: Harree ni fidda, san booda fuula kiyya gama hudduu harreetti garagalchita, san booda waraana keetiin nama kana magaalaa keeysa naanneeysaa jettaan, Ammas Namni kuni Kijibaadha wajjis hin dalaginaa, hin dubbatinaa jettee ajajja”jedheen.

Marii Isaanii xumuranii gama hirribaatti deebi’an. Muhammad bin Abii Aamir halkan guutuu “Akkamittin Khaliifaa tahuu dandaha? Harree harkisaa Khaliifaa nin tahaa? Karaa kamirra deemuutu Khaliifaa akkan tahu sababaa taha?”jechuun halkan san guutuu yaadaa bule.

Muhammad ganama lafaa ka’eetuma Harree isaa gurgure. Huccuu waraana mootummaa umawiyyaa ittin seenanii fii waan barbaachisu guutattee waraana tahuuf galmaawe. Harree Harkisuun abadan akka Mootii Andaluusii hin taane ni hubate. Karaa duraan itti jiraataa turee fii haala Isaa hunda jijjiree mootii tahuuf mala jedhee waan yaade takkittiin inni dandahe waraana tahuu waan tureef waraana tahe.

Muhammad nama yaada guddaa qabu. Waraana akkuma seeneen hojii addaa dalaguun, nashaaxaan waan itti ajajame guutuun sadarkaa jalaatirraa tartibaan ol koraa, ol siqaa, Hanga itti gaafatamaa waraana Mootummaa Umawiyyaa tahu gahe. Hoggaa Inni Itti gaafatamaa waraana Mootummaa kan waliigalaa tahe Murtiin Rabbii tan inni hin yaadin takka argamte. Sunis Khaliifaan Andaluus kan yeroo sanaa du’e. Kuni Murtuma Rabbiti!

Itti Aanee Khaliifaa tahuuf kan Muudame (crown prince)  kan ture Hishaam Al-Mu’ayyad Billaah Umriin Isaa amata kudhan ture.

Warri Banii Umeeyyaa Aangoo Khaliifummaa qabatuuf hundi bakka Khilaafaa xiqqashaa anaatu qabata jechuun waliif galuu dadhaban. Sababaa Saniif wal mariyatanii nama sadii kan Banii Umayyaa irraa hin tahin akka Khaliifaa xiqqaashaaf gargaartuu tahan filuu murteeysan.

Namoonni sadeen Khaliifaa gargaaruuf filamanis:

Muhammad Al-Mus’hafii

Abdullaahi bin Abii Ghaalib

Muhammad bin Abii Aamir

Jara Sadeen Mootummaa akka gaggeeysan warra banii Umayyaatiin filaman kheeysaa tokko Muhammad bin Abii Aamir taheeti argame.

Jarri Sadeen Aangoo addaa argate baatii muraasa akkuma bulchaniin Muhammad Al-Mus’hafiin badii irratti argamteen ari’ame. Nama meeqaatu walitti hafe? Abdullaahi bin Ghaalib fii Muhammad bin Abii Aamir qofa.

Jara lamaan jiddutti qabsoon jalqabde. Jara lamaanirraa Muhammad bin Abii Aamir Abdullaahi bin Ghaalib injifatee kophaa hafe.

Akkuma kophaa hafeen seeroota haarawa adda addaa baasee Khaliifaa xiqqishaa maasaraa kheeysaa akka hin baane godhee Khaliifaa maqaan tahuu baatus mootii isa moggaa tokkolleen hin sochoone tahe.

Muhammad bin Abii Aamir Khaliifaa yaade ni tahe. Garuu Muhammad bin Abii Aamir ammas hin quufne, Khaliifaa qofa tahee dabruu hin jaalanne. Mootummaa akkaan guddoo taate uumuuf yaadutti seene.

Muhammad “Maaltu Mootummaa takka akkaan guddoo godha?”jechuun yaaduu jalqabe. Yaada dheeraa boodaan wanni irra gahe: “Mootummaan takka akkaan guddoo tahuuf Iimaana (amantii), Beekkumsaa fii humna qabaachuu qabdi”jechuun murteeyse.

Muhammad Mootummaa Isaa kheeysatti Haaroomsa Beekkumsa amantii fii Adunyaa, Haaroomsa Haalaa fii Amalaa ummatarratti gaggeeysuu eegale. Mootummaa zamana san jirtu hunda kheeysaa namni beekkumsa qabu yoo gama Qorxobaa dhufe mindaa fii manni jireenyaa hundi bilaashitti isaaf kennama. Waraana beekkumsaa fii amantiin jaaramaa tahe amata kudhaniif leenjisuu fii gadi dhaabuutti seene.

Amata kudhaniif biyya Beekkumsaan, Amantiin, Akhlaaqaan eega jaare booda waraana yaanni Isaa akkaan guddaa tahe uumuu dandahe. San booda duula adda addaa ifiif itti hirmaatee gaggeeysuun mootummaa Andaluus daangaa Isii hanga Kibba Faransaayitti maxxanse. Lola Faransaay bakka Leeyoon jedhamtutti godhame ifiif hogganee injifate. Mootummaan Isaa haalaan guddatte.

Dubbiin Isaa dheertuudha. Mootummaa akkaan guddoo taate gad dhaabee amata hedduu booda Waahiloota Isaa lamaan yaadate.

Waraana Isaa bakka waahiloota Isaa itti dhiise sanitti ergee “Jara lamaan akkanaa fii akkanaa naaf fidaa”jechuun ajaje.

Waraanni bakkuma Inni je’e sanitti, Hojii Inni irratti Isaan beekhu sanirratti, goojjoos tanuma dura san kheeysatti dhaqanii argan. “Khaliifaan Isin barbaadaa nu jala ka’aa”ja’aniinii qabanii Muhammad bin Abii Aamir bira fidan.

Muhammad bin Abii Aamir Ministeerootaa fii namoota gurguddaaa hunda walitti qabee Jara lamaan if dura dhaabe. Warra walitti qabameef akka jara lamaan wajjiin itti jiraataa turan, hojiin Isaanii Harree harkisuu akka taatee fii halkan tokko osoo haasawan akka Inni gaafii dhiheeyseef hunda takka takkaan ibse.

San booda Jara lamaanirraa tokkoon “Ati halkan san yoon Khaliifaa tahe maal feeta sin jennaan waan jette ni yaadattaa”jedheen.

Waahilli Isaa kan dur: “Ee nin yaadadha Fooqii guddoo akkaan bareedduun je’e”je’een.

Khaliifaan: “Qallaa akkasii fii akkasii kennaaf”jechuun ajaja dabrsee itti fufuuf: “Ammas yoo?”jedheen

Waahilli: “Oyruu akkaan bareeddu”je’een. Khaliifaan: “kennaaf”je’e.

Waahilli: “Faradoo akkaan tolfamte”jennaan, Khaliifaan: “Kennaaf”jedhe.

“Maallaqa dahabaa kuma dhibba takka”jennaanis “Kennaaf”jechuun ajajeef.

Maaltu hafe? Waahila kaaniitu hafe hin jettanii ree? Khaliifaan Kanattis gargalee: “Waan halkan san jette ni yaadattaa?”jechuun gaafate.

Namtichi: “Yaa Khaliifaa, Yaa Amiira Muslimootaa waan amata hedduu dura wajjiin haasoyne, suni taphaa irra naaf dabri”jechuun waywaatuu eegale.

Khaliifaan: “Lakkii, Haasawa keenya san jarri kuni haa dhagayinii himuu qabda”je’een.

Namitichis: “Harree irra na kaayi, san booda fuula kiyya gama hudduu harreetti garagalchita, san booda waraana keetiin nama kana magaalaa keeysa naanneeysaa jettaan, Ammas Namni kuni Kijibaadha wajjis hin dalaginaa, hin dubbatinaa jettee ajajjaan sin jedhe”je’een.

Khaliifaanis: “Waan Inni jedhe kannaaf. Rabbiin waan hundarratti dandahaa akka tahe haa baruu”jechuun ajaja dabarse.

Agartanii Ilmii namaa waan Niyyatuun akka itti wal dhabu, yaadaa fii Murannoon akka itti wal caalu hubattanii?!

Qissaa Ajaa’ibaa tanarraa akka waan hedduu hubattan shakkii hin qabu.

Yaada kheeysan guddisaa.

Harreen jalqabe malee Harreen hin xumurre. Jarri Kaan ammoo Harreen Jalqabanii Harree Isaanii harkisuu qofatti quufan.

 

Qophii: Abuu Muhammad

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button