Majliisni Federaalaa Kora Walii Galaa Guyyoota 10 keessatti kan geggeessu tahuu ibsame
Ulamaa’onni Majliisa Federaalaa rakkoo Majliisa Federaalaa keessatti uumame ilaalchisee, Khamiisa kaleessaa Ministeera Nageenyaa Aaddee Mufariyaat Kaamil Waliin Mari’atan. Majliisonni Naannolee fi Bulchiinsa Magaalotaa Majliisa Federaalaa irratti Komii cimaa kaasaa akka turanis ibsame. Ministeerri Nageenyaa ibsa gabaabaa Fuula Feesbuukii isaa irratti baaseen, kanaan duras rakkoo Majliisa Federaalaa ilaalchisee Majliisota Naannoolee waliin mari’achuu beeksise.
Marii Khamiisa kaleessa boodas Majlisni Federaalaa fi Ministeerri Nageenyaa qabxiilee ijoo lama irratti kan walii galan tahuunis beekamee jira.
- Guyyaa kudhan keessatti yaa’iin walii galaa akka waamamu.
- Dambiin ittiin bulmaata Majlisaa fi sanadni waadaa tokkummaa ulamootaa kanaan dura qophaaye mirkanaa’ee hojii irra akka oolu kannneen jedhan yoo tahan, Dambichi jijjiiramuu qaba jechuun Sheikh Qaasim Taajudduunii fi Sheikh Mannulkariim kan mormanii turan tahus fudhatama akka hin argatin odeeyfannoon ni mull’isa.
Adeemsa seera hin qabne Majliisa Federaalaa keessatti hammaataa dhufe ilaalchisee Majliisonni naannolee hedduun akeekkachiisa kan baasaa jiran tahuun ni beekama. Kallattii walii galtee guyyaa kaleessaa kana irratti hundaayuun Yaa’iin walii gala kan adeemsifamu yoo tahe, danqaa Majliisa Federaalaa keessatti uumame furuuf jalqabbii gaarii akka tahuu malu hawaasni muslimaa karaa gara garaatiin ibsataa jira.
zziiyydd
mashaa Allah mashaa Allah mashaa Allah
0923638373
Baharutahaju@gmail.com
Mashaa Allah
Ayosh
maashaa allah maashaa allah maashaa allah tabaaraka allah jajjabaadhaa ya oomishtoota diin islaamaa
sumayyah mahammad
u
Masha’aa Allah masha’aa Allah tabarakalla rabbin isinira hajalatu jajabadha isininjena