Keeniyaan talaallii Covid-19 miiliyoona tokkoo ol argatte
Keeniyaan Roobii har’aa talaallii Oxford-AstraZeneca Doozii miiliyoona 1.02 galfachuun biyyoota baha Afrikaa sagantaa Covax jedhamu fayyadamte keessaa kan duraa taatee jirti
Hangi talaallii amma argame kun marsaa jalqabaan namoota 500,000 ta’aniif gahaadha jedhameera. Ogeeyyiin fayyaa, barsiisonni, Poolisoonni fi jaarroliin kanneen dursanii talaalaman ta’u.
Dimookraatiik Rippaabliik Koongoon, guyyaa kaleessaa talaallii AstraZeneca doozii miiliyoona 1.7 yoo fudhattu ministirri fayyaa biyyattii buufata xiyyaaraa dhaqun simate.
DRC’n hanga Caamsaa dhufutti talaallii kana doozii miiliyoona 6.9 harka galfachuuf eeggataa jirti.
Roobii har’aa biyyi Afrikaa biroon, Angoolaa doozii 624,000 Gaambiyaan ammoo 36,000 of harkaan gahaniiru.
Covax Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa waliingahiinsa talaallii Koronaaf jecha tarsiimoo qopheesse yoo ta’u biyyoota 190’f talaallii biiliyoona lama dhiyeessuuf abdateera.
Fiigicha biyyootni sooreyyiin talaallii kana harka hedduu dursanii fudhacahuuf godhan keesatti biyyootni hiyyeeyyiin akka hin miidhamne jecha waliingahinsi talaallii madaalawaan akka jiraatus hojjeta.
Itoophiyaan qaama sagantaa kana yoo taatu talaallii marsaa duraa ji’a Ebla dhuftuutti akka alaa galfattu ibsite.