header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

ICC’n yakka Waraanaa lafa Falasxiinotaa humnaan weerarame keessatti raawwatame qorachuu jalqabe

Abbaan alangaa mana murtii yakka  Idil Addunyaa (ICC) , yakka waraanaa  june 2014  irraa kaasee,  loltoonni  Israa’el  lafa Falasxiinotaa  humnaan Weerarame keessatti raawwatan irratti  qorannoo jalqabuu beeksise.

Hoggantuun abbaa alangaa ICC, Miss Fatou Bensouda, Waajjirri isii waggaa 5 dura galmee yakka waraanaa, “West Bank, Gazaa fi magaalaa Alquds gama bahaatti raawwatame ilaaluu akka jalqabee fi amma immoo  qorannoon ifatti jalqabamuu ibsite.

Murtii ICC kana Mootummaan Isra’eel kuffisee jira, Qondaaltonni Falasxiin immoo gammachuun kan simatan yoo ta’u, Mootummaan Ameerikaa gama isaatiin qorannoon kun jalqabamuu balaleeffachuu gabaafame.

Ministeerri haajaa alaa Amerikaa Antoonii Biliinken, Isra’eel miseensa mana murtii yakka Idil addunyaa waan hin ta’iiniif, Manni murtiichaa  qoratuuf aangoo hin qabu jedhe.

Manni murtii Idil Addunyaa waliigaltee Room irratti hunda’uun yakka waraanaa, Duguggaa sanyii fi ajjeechaa jumlaan raawwatame irratti himannaa banuuf aangoo qaba, Isra’eel immoo waliigaltee Room kana hin mirkaanneessine, tahuus Barreessaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii  bara 2015tti Falasxinoonni waliigaltee kana fudhachuu ibsuun, Manni murtii Idil Addunyaa aangoo himannaa banuu akka qabu murteesse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button