header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Haleellaa Boombii hidhattoonni Huusii mana hidhaa keessatti raawwataniin lammiileen Oromoo 300 ol ajjeefaman

Baqattoonni Oromoo Biyya Yaman keessa jiran OMN’tti akka himanitti, haleellaa Alhada har’aa milishoonni Huusii mana hidhaa magaalaa Sana’aa keessatti raawwataniin, yoo xiqqaate hidhamtoonni lammiilee Oromoo ta’an 300 ol ajjeefamanii jiru.

Lammiileen Oromoo haala suukanneessaan ajjeefaman kunneen, sababa gayaa malee waan hidhamaniif akka gadhiifman gaafachuuf lagannaa nyaataa irra akka turanii fi nyaata akka nyaatan dirqisiifamanii waan didaniif, hidhattoonni eegumsa irra turan boombii harkaa irratti darbatuun lubbuu isaanii kan galaafatan tahuu baqattoonni Yaman keessa jiran himan.

Baqattoonni akka jedhanitti, Waardiyyoonni mana hidhaa garee Huusii Jalqaba irratti boombii aaraa hidhamtoota irratti akka darbatanfi; itti aansuun ammoo boombii ibiddaa darbatuu isaaniitiin, lubbuun namootaa hangana gahuu akka dabruuf sababa tahe.

Dabalataanis hidhamtoonni hedduun aaran ukkaamamuu fi gamoon mana hidhaatis irratti jijjigee akka du’an odeeyfannoon ni addeessa.

Ajjeechaa Suukanneessaa kana booda, reeffa namoota garjabeennaan ajjeefamanii mana hidhaa keessaa konkolaataan akka baasaniifi, kanneen lubbuun hafana Hospitaala Waraanaa kan mootummaa geessaa akka turanillee odeeyfannoon ni mullisa.

Haleellaa sukkanneessaa kana hordofuun humnoonni Waraana Huusii naannichatti heddumminaan buufamuun, namoonni dhuunfaatii fi dhaabbileen akka UNHCR yakka kana akka hin qoranne dhorkamaa jiratuu gabaafame.

Kanaan dura baqattoonni mana hidhaa keessa turan maatiin maallaqa akka erganiif dirqisiifamaa akka turanis ibsame.

12 Comments

  1. ufffffffffffff ya lammii koo na nyaatuu😭😭😭😭😭😭😭😭😭

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button