header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AkhlaaqaIbaadaa

Akkamitti nama gorsina?

Jecha bareedaa filatanii namatti dubbatan malee nama arrabsaa ykn namaan lolaa nama hin gorsan.
Rabbiin Subhaanahu wa ta’aalaa nabi Muhammadiin (SAW) akkana jedhe:-
“Gabroottan kiyyaan jecha gaarii babbareedaa jedhaa ja’iin, sheeyxaanatu hamtuu isaan jiddutti habaqaalee wal dhabsiisa. Sheeyxaanni ammoo xilaata ilma namaa beekkamaadha “

وَقُلْ لِّعِبَادِىۡ يَقُوۡلُوا الَّتِىۡ هِىَ اَحۡسَنُؕ اِنَّ الشَّيۡطٰنَ يَنۡزَØُ بَيۡنَهُمۡؕ اِنَّ الشَّيۡطٰنَ كَانَ لِلۡاِنۡسَانِ عَدُوًّا مُّبِيۡنًا” ï´¿17:53ï´¾

Suuratul Isra Aayata 53

Rabbiin Hoggaa nama gorsinu jecha ittiin bareedaa jecha gaggaarii filannee namatti akka dubbannu nu ajaja. Nama arrabsaa nama gorsuun dogongora.

Haaluma walfakkaatuun gara karaa Rabbiitti hogguu nama yaamnus, hikmaa(mala) fi jecha gaariin tahuu akka qabus akkasuma qur’aana keessatti nuuf ibsame.

ادْعُ إِلَىٰ سَبِيلِ رَبِّكَ بِالْحِكْمَةِ وَالْمَوْعِظَةِ الْحَسَنَةِ وَجَادِلْهُم بِالَّتِي هِيَ أَحْسَنُ إِنَّ رَبَّكَ هُوَ أَعْلَمُ بِمَن ضَلَّ عَن سَبِيلِهِ وَهُوَ أَعْلَمُ بِالْمُهْتَدِينَ

” Karaa Rabbii keetii irratti gorsa gaarii fi dubbii laaftuun nama yaami; (yeroo gara Rabbii irratti yaamtu ormi kuffaaraa ati yaamtu yoo kan falman tahes), karaa gaariin (jechoota lallaaftuun) wajjiin falmi; Rabbiin kee nama karaa isaarraa maqe ni beeka. Ammallee Rabbi nama qajeele ni beeka.”
Suuraa Nahlii 16: 125

Yaa Rabbi nama hamtuu sheyxaanaatin butamu nun godhin!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button