Ulamaa’onni Godina Harargee Bahaa, Naannoo Hararii fi Magaalaa Dirree Dhawaa waliin ta’uun Marii geggeessan
Waltajjii marii ulamaa’ota godina Harargee bahaa, magaalaa Dirree Dhawaa fi Naannoo Harariin qophaa’e, kan guyyaa har’aa magaalaa Hararitti geggeeffame kana irratti, Ulamoota fi keessummoonni mana marii dhimmoota Islaamummaa naannoo Oromiyaa irraa dhufan argamuun qooda fudhatanii jiru.
Namoota hirmaatan jidduu Muftii Oromiyaa Sheikh Aadam Ahmad Tuulaa, Prezdaantii mana marii dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa Sheikh Hajjii Ibraahiim, Sheikh Muusaa Su’aalaa fi hoggantoonni mana marii ulamaa magaalaa Dirree Dhawaa fi naannoo Hararii argamu odeeyfannoon ni addeessa.
Kaayyoon marii kanaa qabxiiwwaan 3 irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u isaanis:
1. Tokkummaa Muslimootaa eegsisuu,
2. Akkamiin Fatwaa biyya keenyaa tokko goona? fi
3. ‘Ijaarsa yeroo ammaa majlisni Oromiyaa itti jiru akkamiin galmaan geenya?’ kan jedhu irratti mari’achuudha.
Haaluma kanaan ulamoonni marii kana irratti ibsa ijjannoo qabxii 7 qabu baasuun golabamuu gabafame.
Ibsi ijjannoo ulamaa’oonni godina Harargee bahaa, magaalaa Dirree Dhawaa fi Naannoo Hararii waliin ta’uun baasan, kan arman gadiitti.
Ibsa Ijjannoo Marii Mana Marii Ulamoota Harargee Bahaa kan majlisa Naannoo Harariifi Magaalaa Dirre Dhawaa waliin ta’uun geggeeffamee
1. Nageenya biyyaafi ummata keenyaa eegsisuun dirqama keenya hunda. Kanaafuu akka ummanni Muslimaa hunduu nageenyaafi tasgabbii eegsisuu irratti hirmaatu waamicha keenya dabarsina.
2. Nuti ulamaa’onni Harargee bahaa, Naannoo Harariifi Magaalaa Dirre Dhawaa tokkummaafi qindoomina ummata Muslimaa irratti ni hojjanna. Akkasumas ummanni Muslimaa akka tokkummaa isaa eeggatu waamicha keenya ni dabarsina.
3. Muslimoonni maqaa adda addaa walitti baasuun waan sharii’aan dhorge irraayyi. Maqaa xinneenyaatiin wal waamuun waan Rabbiin cimsee seerateedha. Barataan sharii’aa ilmii xiqqoo barate osoo ulaagaa hin guuttatin Muslimoota gariin mubtadi’a jechuun, achi baasuun, isaan qoqooduun, wal dhabsiisuun hin eeyyamamu. Akkasumas du’aatota diiniitti waaman maqaa xinneessuu jabeessinee balaaleffanna.
4. Fatwaa keenya Qur’aanaafi Hadiisa irratti hundoofnee akka tokkummaa Muslimootaa eeguuf bifa wal fakkaataadhaan kennuuf waadaa keenya ni haaromsina.
5. Dhimmootii gurguddoofi murteessoo ta’an naannoofi Magaalaa keenyaa irratti muftiilee gurguddoo Manni Marii olaanaa Dhimmoota Islaamummaa kun filate malee barataan sharii’aa fatwaa gochuun hin eeyyamamu.
6. Ijaarsi jireenya hawaasa tokkoo keessatti qabxii murteessaadha. Kanaafuu majlisni godina keenyaamajlisa Oromiyaa jala hiriiree qabsoo guddaa waggaa tokkoofi walakkaa taasiseen ijaarsa sadarkaa masjidaatiin ga’ee jira. Ijaarsa kana hawaasa ballaa keessatti lafa qabsiisuuf immoo aangoo, beekumsa ykn dandeettiifi qabeenya ga’aa barbaachisa. Majlisni aangoo guutuufi namoota beekumsaafi ga’umsa qabaniin hanga masjidaatti diriirfameera. Qabeenya argamsiisuu irrattis akka hojjatamu waamicha goona.
7. Akkuma beekamu qabeenyi ummata ijaaruu keessatti lafee dugdaati. Majlisni keenya immoo qabeenya xiqqoodhaan qabsoo dheeraa godhee hanga kana ijaare. Har’aa kaasee sassaabbiin galii yaa’ii walii galaa majlisa Oromiyaa duraan murteesse godina keenya keessatti akka jalqabamu labsineerra. Kanaafuu Muslimoonni hunduu miseensa masjida ollaa isaaniitti argamuu ta’uudhaan labsii kanarratti hirmaatanii dirqama isaanii akka ba’atan, akkasumas buusii yaa’iin walii galaa murteesses buusuudhaan majlisa isaanii sadarkaa hundarratti argamu bira akka dhaabbatan waamicha dabarsina. fi
8. Sochii da’awaafi barnoota diinii ummata keenyaan ga’uu irratti ciminaan ni hojjanna jedha.
duraan dursee rabbin isinirra haa jaalatuu carraa akkana argadhun gammachuu guddadha alhaamdulilla
iyyaannon kiyyaa iyyaanno riqichaa sunnatti innis Akka asii gadiitti gurbaa tokkoon wal barree bultti ijaarachuf murteesine inni biyyaa jira ani biyyaa ala jira maatin isaa yeroo hedduu maati kiyyaa bira deebi’a jira garuu maatiin kiyyaa heddu ofirra dhibaatani dabaalatini birrii 10,000O kuna kudhan malee jedhani jirani gabbarri haraama ta’u ni beeka mee maal godhuttu narraa jira jzkl
Oromia