Arkaana Soomaa

Akkuma maalummaa isaa irraa hubannutti soomni ruknii lama qaba.
1- Waan sooma nama fursiisu irraa baha fajriitii eegalee hanga lixa aduutti of eeguu dha.
2- Niyyaa: innis fajriin dura sooma niyyachuu dha. Ragaan kanaa hadiisa
” إنما الاعمال بالنيات، وإنما لكل امرئ ما نوى “.
“Dalagaan kamuu kan fayyaa ta’ee argamu niyyaadhaani”. Niyyaan halkanuma cufa irraa jiraachuu qaba.
ØØ¯ÙŠØ« ØÙصة قالت: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم: ” من لم يجمع الصيام قبل Ø§Ù„ÙØ¬Ø±ØŒ Ùلاصيام له.” رواه Ø£ØÙ…د ÙˆØ£ØµØØ§Ø¨ السنن، ÙˆØµØØÙ‡ ابن خزيمة، وابن ØØ¨Ø§Ù†
Hadiisa Hafsaa irraa odeeffame keessatti Ergamaan Rabbii ((SAW)) akkana jedhan: “Namni fajrii dura sooma hin murteeffatin soomni isaa hin jiru”. Ahmadii fi warra sunanaa arfaniittu gabaase.
Qalbii qofaan niyyachuun gahaadha. Afaaniin baasanii dubbachuun barbaachisaa miti, inumaayyuu bid’aadha. Garuu sooma sunnaa keessatti hedduun beektotaa akka jedhanitti: yoo ganama waa hin nyaatin guyyuma irraa sooma niyyachuun ni dandaama.