header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Ibaadaa

Fakkeenya Warra Waan gaarii eega hojjatee booda of jalaa balleessuu!

Rabbiin ol tahe Warra Waan gaarii eega hojjatee booda of jalaa balleessu, Suuratul Baqaraa keessatti akkanatti isaan ibsa:

  Ø£ÙŽÙŠÙŽÙˆÙŽØ¯ÙÙ‘ أَحَدُكُمْ Ø£ÙŽÙ† تَكُونَ لَهُۥ جَنَّةٌ مِّن نَّخِيلٍۢ وَأَعْنَابٍۢ تَجْرِى مِن تَحْتِهَا ٱلْأَنْهَٰرُ لَهُۥ فِيهَا مِن كُلِّ ٱلثَّمَرَٰتِ وَأَصَابَهُ ٱلْكِبَرُ وَلَهُۥ ذُرِّيَّةٌ ضُعَفَآءُ فَأَصَابَهَآ إِعْصَارٌ فِيهِ نَارٌ فَٱحْتَرَقَتْ Û— كَذَٰلِكَ يُبَيِّنُ ٱللَّهُ لَكُمُ ٱلْءَايَٰتِ لَعَلَّكُمْ تَتَفَكَّرُونَ

“Sila tokkoon keessan dullummaan isa tuqee fi ijoollee dadhaboo kan qabu ta’ee osoo jiru, ashaakiltii temiraa fi inaba irraa taate tan laggeen jala yaa’an, achi keessa Muduraalee hunda irra isaaf jiran (kan qabu tahee), eegasii bubbeen ibiddi keessa jiru tuqee gubatte akka isaaf taatu ni jaallataa? Akka xinxallitaniif akka kanatti Rabbiin aayaata isiniif addeessa.”
Suuratu Al-Baqarah 2:266

Fakkeenyi kun fakkeenya nama Rabbiif jedhee hojii gaggaarii kan akka sadaqaa fi kanneen biroo hojjatee, Eegasii ammoo hojii badaa hojii gaarii isa jalaa balleessu nama hojjate ilaallata.

Kanaafu, namni wanta hojii isaa jalaa balleessu irraa of eeggachu qaba. Kan akka kufrii (hundeewwan iimaanatti amanuu diduu ykn shakkuu, of tuulu irraa kan ka’e Rabbiif ajajamu diduu, hojii Islaama keessaa nama baasu hojjachuu), shirkii, na argaaf ykn na dhagayaaf hojii gaggaarii hojjachuu, sadaqaa yommuu kennan nama rakkisuu fi tola isatti oolan yaadachisuu irraa if eeguu qaba.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button