header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Gamtaan Biyyoota Islaamaa Dhiimma Falisxiin irratti mari’achuuf Walgahii Ariifachisaa waame

Gamtaan Biyyoota Islaamaa Haleellaa Isra’eel Falisxiin irratti raawwachuu jirtu irratti mari’achuuf, walgahii ariifachisaa qondaaltonni olaanoon  biyyoota miseensa gamtichaa tahan 57 irratti hirmaatan Alhada borutti waame.

Walgahiin ariifachisaan kun yeroo ammaatti dhaabbata gurmuu biyyoota muslimaa kana dura bu’ummaan kan hoogganaa jirtu Sa’uudiin kan waamame yoo ta’u, Ministeeroonni Haajaa alaa biyyoota Miseensa gamtichaa 57 irratti ni hirmaatu.

Walgahiichi, Haleellaa waraanni Isra’eel Falisxinoota irratti raawwataa jiru, keessummattuu haleellaa Masjidal Aqsaa irratti raawwatamu irratti kan xiyyeeffatu tahuu ibsame.

Ka’umsi Walitti bu’iinsi ammaa kun, waraanni  Isra’eel naannawa Sheikh Jarraah jedhamu kan magaalaa Al Qudsi keessatti argamu  irraa Falasxiinota humnaan buqqisuudhaaf sochii jalqabuu hordoofuun yoo ta’u, lammiileen Falasxiin immoo gocha hamaa Israa’eelii kana hadheeffatanii mormaa jiran.

Kanuuma hordoofuun haleellaa waraanni Isra’eel dhiheenya kana magaalaa Gazzaa keessatti raawwateen, hanga ammaatti  ijoollee 31 dabalatee Falasxiinonni 126 ajjeefamuu, namoonni 920 ol immoo madaahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) immoo ibsa kaleessa galgala baaseen, Falisxiinoonni 10,000 oli magaalaa Gazzaa irraa loltoota Isra’eeliin qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqifamanii jiru jedhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button