header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Ibaadaa

Islaamummaa: Amantii Uumamaa kan Rabbiin ilma namaatii filate

Islaamummaa: Amantii Uumamaa kan Rabbiin ilma namaatii filate

Amantiin islaamaa Amantii Uumamaa ta’uu hadiisa Abu Hureeyiraa(ï­ï¿ï»² ïï»Ÿï» ï»ª ﻋﻨﻪ) odeeyffameen Ergamaan Rabbii(صلى الله عليه وسلم) akkana jedha:-
عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ، قَالَ: قَالَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «ÙƒÙÙ„ُّ مَوْلُودٍ يُولَدُ عَلَى الفِطْرَةِ، فَأَبَوَاهُ يُهَوِّدَانِهِ، أَوْ يُنَصِّرَانِهِ، أَوْ يُمَجِّسَانِهِ”¦.» رواه البخاري ومسلم ÙˆØيرهما.፤
“Daa’imni dhalatu kamiyyuu Fixraa (Islaamummaa) irratti malee hin dhalatu. Maatiin isaa garuu; Nasaaraa Isa godhan, yookiin yahuudaa isa godhan, yookiin Warra Ibidda gabbaru isa godhan malee”¦”[Bukhaarii fi Muslim]

Rabbiin ol tahe Qur’aana keessatti akkana jechuudhaan nuuf ibsa:-

فَأَقِمْ وَجْهَكَ لِلدِّينِ حَنِيفًا Ûš فِطْرَتَ اللَّهِ الَّتِي فَطَرَ النَّاسَ عَلَيْهَا Ûš لَا تَبْدِيلَ لِخَلْقِ اللَّهِ Ûš ذَٰلِكَ الدِّينُ الْقَيِّمُ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ [٣٠:٣٠]“(Yaa Muhammad!) Karaa haqaatti dabuun fuula kee diiniif sirreessi. Uumaa Rabbii isii inni irratti nama uumees (qabadhaa). Uumaa Rabbii Jijjiiruun hin jiru. Santu amantii qajeelee dha. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.”(30:30)
Islaamummaan amantii uumamaan argannu qofa osoo hin taane, amantii Rabbiin Ilma namaatiif filatee, jaalatee dha.

الْيَوْمَ أَكْمَلْتُ لَكُمْ دِينَكُمْ وَأَتْمَمْتُ عَلَيْكُمْ نِعْمَتِي وَرَضِيتُ لَكُمُ الْإِسْلَامَ دِينًا

«Amantii keessan har’a isiniif guuteera, ni’imaawwan kiyyas isin irratti guuteera. Amantiis islaama isiniif jaaladheera.» (5:3)
Ammas Islaamummaan amantii takkittii Rabbi biratti fudhatama Qabduu dha.
إِنَّ الدِّينَ عِندَ اللَّهِ الْإِسْلَامُ

«Dhugumatti amantiin Rabbiin biratti (fudhatama qabu) Islaama qofa.» (3:19)

Haaluma armaan olitti ibsameen namni Islaamummaan ala amantii biraa barbaade hoonga’aadha.
ÙˆÙŽÙ…ÙŽÙ† يَبْتَØِ Øَيْرَ الْإِسْلَامِ دِينًا فَلَن يُقْبَلَ مِنْهُ وَهُوَ فِي الْآخِرَةِ مِنَ الْخَاسِرِينَ [3:85]«Namni Islaamaan alatti amantii (biroo) barbaade isarraa hin qeebalamu. Aakhirattis inni warra hoonga’an irraayi.» (3:85)

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button