header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Bidiruun baqattoota fe’atte galaana diimaa keessatti dhidhimuun namoonni hedduun du’an

Lammiileen Afriikaa bahaa irra hedduun isaanii ityoophiyaa irraa tahan, osoo gara Yaman imalaa jiran qarqara biyyattiitti dooniin yaabbatan dhidhimuun hedduun du’an.

Namoonni handaara biyya Yaman bakka qarqara galaanaa Lahj jedhamutti qurxummii kiyyeessaa turan reefka namoota 25 baasuu AFP’n gabaase.

Qondaaltonni naannawa kanaa doonii guyyaa lama dura dhidhimte kanarra namoota 160 hanga 200 ta’antu turan jedhan.

Dhaabbati dhimma godaantota idil-addunyaa(IOM) gamasaatiin, bidiruun namoota hedduu qabattee dhidhimte gabaasa jedhu mirkaneeffataa akka jiru hime.

Dhaabbatichi “Gareen IOM bakkatti argamanii jiru. Kanneen lubbuun hafan gargaaraa jiru,” jechuun tiwiitara isaarratti barreesse.


Maddi oduu Yaman, Adenal-Ghad gamasaatiin namoonni 150 ta’an dhidhimanii achi buuteen isaanii akka dhabamee fi kanneen keessaa lammiileen Yaman afur keessa jiraachuu gabaase.

Bakki dooniin kun itti dhidhime, Ras al-Ara, qarqara galaanaa yoo ta’u gara baha Bab al-Mandabitti argama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button