header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Koroonaa

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa Biyyoonni hiyyeeyyiin talaallii Covid-19 dhabaa jiru jedhe

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa akka ibsetti, Biyyoonni hiyyeeyyiin talaallii Covid-19 karaa sagantaa gargaarsa talaallii “Covax” jedhamuutiin hamma tokko argatanii kan turan tahus, hedduu isaanii yeroo ammaa hanqinni talaallii muudatee jira.


Qondaalli olaanaan dhaabbatichaa Dr Bruce Aylward akka himetti, hanga ammaatti sagantaa Covax jalatti talaallii doozii miiliyoona 90 biyyoota 131’f raabsamee jira. Haata’u malee wayita vaayirasichi daranuu tatamsa’aa jiru kanatti talaalliin raabsame kun baayyee xiqqoodhaa jedhe.

Biyyoota Afriikaa tokko tokko keessatti weerarri vaayirasichaa marsaa sadaffaan ka’uufi talaallichi dhabamuun yaaddoo guddaa tahee jira. Prezidaantiin Afriikaa Kibbaa Siiril Raamafoosaan, biyyisaanii weerara vaayirasichaatiin wal’aansoo walqabaa akka jirtu himuun, biyyoonni dureeyyiin ofittummaadhaan talaallii walitti qabatanii irra taa’uu hin qaban jechuun qeeqe.

Raamafoosaan akka jedhutti Afriikaatti hanga ammaatti talaallii doozii miiliyoona 40 qofatu raabsame. Kunis baay’ina uummata ardichaa keessaa dhibbeentaa 2 gadiif qofa kan gahu tahuu ibsame.

Mootummaan Afrikaa Kibbaa Covax waliin ta’uun akkaataa talaallicha Afriikaa keessatti oomishuun baay’isuun danda’amurratti akka hojjetus hime.

Sagantaan Covax jedhamu talaalliin Covid-19 karaa qixa sirrii ta’een biyyoota addunyaa akka walga’u, keessattuu biyyoonni hiyyeeyyiin akkamiin talaalamuu akka danda’an irratti hojjachuuf bara darbe hundeeffamee, hanga xumura bara 2021’tti talaallii doozii biiliyoona lama addunyaan ga’uuf karoorfatee ture.


Haata’u malee sagantaan Covax kun sababa ofittummaa fi rincicuu biyyoonni guddatan agarsiisaa jiran irraa kan ka’e akka yaadametti hin milkoofne.

Akka gabaasa BBCtti hanga ammaatti biyyoonni akka Ugaandaa, Zimbaabwee, Banglaadish fi Tirinidad fi Tobago hanqinni talaallichaa isaan mudachuu ibsan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button